Tarkaanfii Israa'eel Weest Baank keessatti fudhatteen lammiileen Paalastaayin shan ajjeefaman

Maxxanfame

Humnootiin Israa'eel wayita tarkaanfii Weest Baank keessatti gaggeessanitti lammiileen Paalastaayin shan ajjeefaman.

Waraanni Israa'eel ammoo oppireeshinichi milishoota Hamaas haleellaa raawwachuuf turan irratti kan gaggeefame ta'uu hime. Kana malees kanneen ajjeefaman hundi miseensota Hamaas jedheera.

Tarkaanfii fudhatame keessaa tokko irratti loltoonni lama dhukaasa qawwee lammiilee Paalastaayiniin raawwatameen baayyee miidhamaniiru jedheeras.

Hamaas ammoo miseensoonni isaa afur ajjeefamuu himeera. Gareewwan milishaa warra Paalastaayin gochaa kanaaf deebii akka kennan himan.

Akka Ministeera Fayyaa Paalastaayinitti, namoonni lama dhiheenya Jeeniin Burqin keessatti yoo ajjeefaman, kaan sadii ammoo Biduu, dhiheenya Jerusaaleemiitti ajjeefaman.

Gabaaftoonni akka jedhaniitti, Isiraa'eel Haamaas, kan Gaazaa bulchu, faallaa isaa kan ta'e Aangoo Paalastaayin Weesti Baank keessatti mo'achuu danda'a jechuun yaaddoo yeroo dheeraa qabdi.

Torban darbe Jeeniin keessatti, Israa'eel milishoota Paalastaayin mana hidhaa eegumsi cimaan taasifamuu keessaa bahuun torban lamaan kana baqatanii turan jaha keessaa lama deebiiftee to'aattee jirti.

Hagayya keessa ammoo tarkaanfii Israa'eel shakkamtoota Weest Baank keessaa qabuuf fudhatteen lammiileen Paalastaayin afur ajjeefamanii turan.

Taatee kanaan torbanootaan dura ammoo qondaaltonni tikaa warra Paalastaayin lamaa fi Israa'eliin haleellaa raawwachuuf shakkaman Jeniin keessatti ajjeefamanii ture.

Walitti bu'iinsa Israa'eeliifi gareewwan milishaa Paalastaayin jidduutti baatii Caamsaa keessa guyyoota 11'f Gaazaatti gaggeeffameen, yoo xinnaate namoonni 256 ajjeeffamuu UN himeera.

Israa'eel keessatti ammoo namoota 13tu ajjeefame.