Ayyaana Masqalaa: Dhuguma abaaboon keelloo Itoophiyaa keessatti qofa biqilaa?

Maxxanfame

Yunivarsitii Finfinneetti barsiisaa kutaa barnootaa lubbu-qabeeyyii fi qorataa kan ta’an Piroofesar Sabsibee Damissoo, abaaboon keelloo maqaa saayinsaawaa ‘Baayidansi’ jedhamuun akka beekamu himu.

Itoophiyaa keessatti gosti biqilaa baayidans 20 ta’an ni argamu. Haata’uutii biqilaa baayidani kun Itoophiyaa keessatti qofa biqilaa? Ayyaana waggaa haaraa waliin hidhata maalii qaba?

Gosti maatii biqilaa kana ‘adtereliyaa’ ykn ‘kompasitaay’ jedhama.

Qorataan kun akka jedhanitti gosa biqilaa kana digdamman Itoophiyaa jiran keessaa ‘baayidens maakropitra’, ‘baayidens piristeriyaa’ fi ‘baayidens paklomaa’ kanneen jedhaman biyyattii keessatti qofa kan argamanii fi bal’inaanis kan argamanidha.

Gosti sadeen kun dhiyeenyaatti ilaalamanii ykn qoratamanii yoo ta’e malee bifa isaaniin amala wal fakkaachuu qabu jedhu piroofeesarichi.

Akka qorataan kun jedhanitti gosti ‘baayidans makropaatra’ inni jedhamu Itoophiyaa keessatti argama.

Gosti ‘baayidans makropaatra’ Itoophiyaa qofa keessatti argama kan jedhame, gosti ‘baaydens piretiriyaa inni jedhamu Itoophiyaan alatti Sudaan keessatti waan argamufi malee biyyoota biraa keessa hin jiru.

Gosti abaaboo keelloo Itoophiyaa keessatti argamu kun galmee biqiltoota biyya tokkotti adda ta’an irratti galmaa’uu baatus, Yunivarsitii Finfinnee galmee biqiltoota biyyattii keessatti galmaa’ee akka jiru Piroofesar Sabsibee ibsaniiru.

Abaaboon keelloo miidhagina Fulbaanaadha. Keessumaa nannoo baaddiyyaa keessa daa’immaan jiran waqtii kanatti kan isaan ittin bashannanidha.

Dhiyeenya ammoo magaalota gurguddoo keessatti akka miidhaginaatti uffanaa irratti ni maxxanfama.

Abaaboon kun miidhagina qofa miti. Madda galii namoota hedduutis. Haadholii fi dargaggoonni galii argachuuf abaaboo biraa waliin makuun ni gurguratu.

Ayyaana Masqalaa irratti gubaa bareechuufis abaaboo keelloo bal'inaan ni fayyadamu.

Aadaa Oromoo keessattis ayyaana Irreechaa irratti namootni yeroo bakka kabajaa deeman ababoo keelloo fi marga jiidha qabataniiti.

Abaaboon keelloon bakka tokko tokkotti Haggayya dhumarraa eegalee Qaammee keessa biqiluu eegala.

Fulbaana irraa eegalee hanga Sadaasatti garuu ababoon kun garreeniifi dirree jiran haguuga. Ji’oota sadan kanaa booda garuu abaaboo kana argachuun cimaadha.

Abaaboon keelloo ji’oota kana keessa qofa biqilee maaf bada?

Piroofeesar Sabsibee akka jedhanitti, “biqiltoonni haalli jiru yoo miijaa’eef; kan akka rooba ga’aa yoo argatan ‘amma biqiluu qabna’ akka jechuu dhiibbaa kanaan biqilu.”

Haalli akkanaa ‘baayolojikaal kilook’ jedhamuun beekama.

Yeroo murtaa’aa kana keessatti daraaranii deebi’anii du’u. Kana jechuun guutummaatti badu osoo hin taane sanyiin isaani lafa keessa dhokata jechuudha.

Abaaboon keelloo waggaa guutuu biqiluu danda’a kan jedhan piroofesarichi, ji'i Fulbaanaa garuu biqiltoota kanaaf irra mijaa’aadha jedhu.

Itoophiyaa keessatti bakki abaaboon keelloo itti hin daraarre jiraa?

Qorataan kun akka jedhanitti abaaboon kun kutaalee Itoophiyaa hedduu keessatti ni biqila.

Ta’us garuu akkataa olkaa’insaa fi gadi bu’iinsa irratti hundaa’uun turtiin isaa gargar ta’uu mala.

Itoophiyaa keessatti kan argamu ‘baayidans makropaatra’ hedduminaan kan argamu nannoolee olka’iina sirrii galaanaa 2000 hanga 3000 gidduurra jiranitti akka ta’e qorataan kun ni himu. Nannoolee sirrii galaanaa 1750 gadi jiranitti garuu hin biqilu.

Magaalota akka Finfinnee, Dabra Maarqos, Harar, Daee, Naqamtee, Jigjigaa fi nannolee ol ka’oo biro keessatti ababoon keelloo akka hedduuminaan biqilan qorataan kun ni himu.

“Fakkeenyaaf Affaar keessatti garreen ol ka’oo irratti biqiluu danda’u. Gara Daalolitti gadi buunan garu hin danda’amu.”