UK’n deeggarsa Itoophiyaafi biyyoota naannichaaf kennitu hir’isuun ishee komachiise

Maxxanfame

Mootummaan UK Itoophiyaa dabalatee deeggarsa maallaqaa biyyoota naannichaaf kennu hir’isuuf murteessuu beeksise.

Koreen paarlaamaa UK deeggarsa maallaqaa mootummaan biyyoota Afrikaa muraasaaf kennu hir’isuuf murteessuun ‘oftulummaa dha.’ ‘Akkamalees nama mufachiisa,’ jechuun qeeqeera.

Koreen International Development jedhamu UK’n keesumaa, deeggarsa biyyoota Afrikaa Bahaaf taasisutu hir’isuun sirrii akka hin taane ibseera.

Koreen paarlaamaa UK kuni arjooma biyyattiin taasiftu irratti qeeqa kennuun beekama. Deeggarsi Itoophiyaa, Keeniyaa, Sudaan Kibbaa, Mozaambiik, Somaaliyaa fi biyyoota Afrikaa biroof taasistu hiri’isuun sirrii mtii jedheera.

Mootummaan UK gamasaan deeggarsa biyyoota Afrikaa hir’isuuf kan murteesse dhiibbaa weerarri koronaavaayirasii narraan gaheeniin kana murteesse jedhe.

Koreen paarlaamichaa garuu biyyoonni rakkoo namoomaa keessa jiran yeroo kamiyyuu caalaa deeggarsa UK barbaadu jechuun gargaarsi addaan cituusaa qeeqeera.

Biyyootni naannoo kanaa rakkoo namoomaan dabalata dhiibbaa jijjiirama haala qilleensaan dhufeenis wal’aansoo jireenyaa keessa jiru jechuun maallaqni hir’ifamuu akka hin qabne hima.

Biyyootni kunneen deeggarsaaf kanneen dursi kennamuufi jalatti ramadamu.

Waajirri hajaa alaa UK Itoophiyaa dabalatee biyyoota Afrikaa filataman waliin hidhata bu’aa biyyaalessaa gidduugala godhate qabna,’’ jedhanillee deeggarsi kennamu walakkaan ykn isaa ol akka hir’isu himeera.

Itti gaafatamtuun International Development Saaraa Chaampiyoon ‘’murtee oftulummaa,fi mufachiisaa dha,’’ jedhan. Qaajelfama mootummaa biyyootni Gaanfa Afrikaa dursi akka kennamuuf baases ni faallessa jedhaniiru.

Naannichi rakkoo namoomaa, lola, jijjiirama haala qilleensaa fi haala guddinaaf danqaa tahe keessatti qoramaa akka jiru ibsaniiru.

‘’Mootummaan tarsiimoo hajaa alaafi nageenyaa yeroo fooyyessu rakkoowwan hir’isuuf tarkaanfii fudhata jennee turre,’’ jechuun murtoo kanaa komataniiru.

Dabalataan, ‘’murtoon kuni akkamiin tarsiimoo agarsiisa? Biyyooti kunneen akka UK’n dursa kennituuf akkmiin agarsiistiree? ‘’ jedhaniiru.

UK’n biyyoota Afrikaa kunneen keessaa gariiniif deeggarsa nageenyaa taasisuuf loltoonni ishee leenjii akka kennan akka ergitu eeruun, ‘’loltuun leenjii akka kennuuf erginee maallaqa misoomaaf tahu hir’isuun hiika hin qabu,’’ jechuun dubbatu.

Odeeffannoon Waajira Foreign Development and Commonwealth akka agarsiisutti Itoophiyaan bara darbe maallaqni UK irraa argatte paawundii miiliyoona 240.5 yoo tahu baranaaf kan karoorfame immoo paawundii miiliyoona 107.6 dha.

Somaaliyaa bara darbe paawundii miiliyoona 121.1 kan argatte yoo tahu bara kanaaf kan karoorfame immoo paawundii miiliyoona 71.2 dha. Keeniyaafis akkasuma bara darbe paawundii miiliyoona 67.3 yoo tahu baranaaf paawundii miiliyoona 41.0 dha.

UK warreen deeggarsa irraa kutee keessaa Keeniyaafi Somaaliyaan kaampii waraanaa loltoota itti leenjistu qabdi. Somaaliyaa keessatti shororkeessummaa loluuf deeggarsa taasiftu.

Ogeessonni dhimma arjoomaa irratti hojjetaniifi dippiloomaatonni akka jedhanitti yoo deeggarsi misoomaaf tahuufi nageenyaaf kennamu wal-faana deemuu qaba. Deeggarsi misoomaaf kennamu nageenyaa eegsisuuf tasgabbeessuufis ni oola jedhu.