Adaamaatti namoonni fardeen isaanii jalaa to'ataman qarshii kuma kumaan deebifachaa jiru

Maxxanfame

Manni Qopheessaa magaala Adaamaa duula tibbana eegaleen fardeen magaala keessatti gadhiifaman 230 ol to'annoo jala oolche.

"Guyya guyyaan dabalaa dhufuun lakkoofsa fardeenii yaaddoo guddaa nutti ta'eera" jedha Manni Qopheessaa magaala Adaamaa.

Fardeeniifi harrootni to'annoo jala oolan kunneenis iddoo tursiisaa Manni Qopheessichaa qopheessetti akka turan taasifamaa jira.

Dhimmicharratti BBCn magaala Adaamaatti Itti Aanaa Hoji Gaggeessaa Mana Qopheessaafi Itti Gaafatamaa Damee Tajaajiloota Magaalaa Obbo Kokkab Akliiluu haasofsiisee jira.

Isaanis haalli fardeen maagaalicha keessa itti jiran to'annoodhaa ol ta'uu BBCti himaniiru.

Fardeen fi harrootni to'annoo malee magaala keessa gadhiifaman ummata magaalichaa irratti rakkoo hawaas diinagdee, qabeenyawwan bulchiinsi magaalichaa maallaqa baay'ee baasun hojjisiise irratti immoo miidhaa qaqqabsiisaa jiraachuu dubbatan.

"Fardeen kun daandii asfaaltii gubbaa dhaabbachuun konkolaataan akka hin dabarre daandii cufu. Halkan halkanis daandiirra dhaabbachuun balaan tiraafikaa qaqqabu salphaa miti" jedhan Obbo Kokkob.

Kana malees bulchiinsi magaalichaa humnafi maallaqa olaanaa baasuun hojii magariisummaa hojjetus hojiin kun fardeen kunneenin kallattiin miidhamaa jiraachuu himan.

"Margiifi biqilootni miciree gosa garaagaraa bal'inaan jiru. Kanaafis ta'e jedhanii halkan halkan fardeen itti gadhiisu, ni nyaachisu, ni caccabsu. Kanaaf baasiin Bulchiinsi Magaalaafi uummatni achirratti baasu badii guddaatu irratti qaqqabaa jira" jedhan.

Fardeen to'annoo malee magaala keessa gadhiifaman qulqullina magaalaarratti dhiibbaa geesisaa jiraachuun dabalataan dhukkubni farda tokkorraa isa biraatti akka daddarbu taasisaa jiraachuu Obbo Kokkob Akliiluu BBCti himaniiru.

Fardeen gaarii miidhaan irra gahefi tajaajila kennuu hin dandeenye alatti baasanii gatuun rakkoo bal'inaan mul'atu ta'uus dubbataniiru.

Tarkaanfilee fudhataman…

Rakkoo faradoon magaala keessa gadhiifaman qaqqabsiisan ilaalchisee Manni Qopheessaa Magaalaa Adaamaa abbootii qabeenyaa fardeeniif hubannoo uumuu akkasumas marii tasisuu magaala Adaamaatti Itti Aanaa Hoji Gaggeessaa Mana Qopheessaafi Itti Gaafatamaan Damee Tajaajiloota Magaalaa Obbo Kokkab Akliiluu ni himu.

Haa ta'u malee jijjiiramni hanga eegamu akka hin dhufne dubbatan.

"Kana sirreessuun dirqama ta'ee waan argameef ammaaf bifa duulaatiin jalqabnee jirra. Yeroo ammaa faradoo 230 ol iddoo tursiisaa galchineerra" jedhan.

Abbootin qabeenyaa tokko tokko fardeen isaanii to'annoo jala oolan adabbii birrii 1,000 kaffaluun deebifachaa jiraachuus himan.

Gama biraatiin abbootin qabeenyaa fardeen kunneenii adabbii kana kaffaluun faradoo isaanii yoo hinfudhanne manni qopheessichaa tarkaanfiiwwan biroo akka fudhatu himaniiru.

"Fardeen abbaa hin qabneef dhaabbata magaala Bishooftuutti argamu SPANA jedhamu haasofsiisaa jirra. Dhaabbatichi faradoo faayidaa hin qabne ciccitaniifi dhukkubsatanii jiran kana osoo miidhaan itti hin dhagahamin karaa salphaatin boqochiisuu" jedhan Obbo Kokkob.

Faradoo fayyaa ta'anii tajaajila kennuu hin dandeenye immoo dhaabbata horsiisa naachaa magaala Arbaamicitti argamutti naachaaf soorata akka ta'anif walitti hidhamiinsi hojii akka jiru himan.

Faradoo fayyaa ta'anfi tajaajila kennuu danda'an immoo beeksifni irra deddeebii bahee yoo abbootin qabeenyaa adabbii kaffalanii hin fudhanne calbaasii baasuun gurguramanii maallaqni mootummaaf galii akka ta'u himaniiru.

Gama biraatin bulchiinsi magaalichaa gaariiwwan fardaa bifa seera qabeessa ta'een galmaa'anii, lakkoofsi gabatee laatameefii, waldaadhaan ijaarramaniifi sararri yookin naannoon hojii kennameefii akka hojjetanif galmeen eegalamuus magaala Adaamaatti Itti Aanaa Hoji Gaggeessaa Mana Qopheessaafi Itti Gaafatamaan Damee Tajaajiloota Magaalaa Obbo Kokkab Akliiluu BBCti himaniiru.

Gaariin fardaa tajaajila geejiba namaafi fe'isa meeshaleef bal'inaan faayidaarra kan oolu ta'uu kan himan Obbo Kokkob, baay'ina lakkoofsa faradoo magaala Adaamaa keessa jiranii bifa ragaatiin qindaa'ee akka hin jirre BBCti himaniiru.