Bara darbe quuqamtoonni eegumsa naannoo hedduun ajjeefamaniiru

Maxxanfame

Namoonni kunuunsa naannoo fi eegumsa dacheerratti quuqamuun hojjetan hedduun bara darbe ajjeefamuu gabaasi haaraa ba'e mul'ise.

Gabaasa kana garee dhimma kana ifa baasuuf gurmaa'ee duula eegaletu baase.

Akka guutuu addunyaatti namoonni 227 ta'an bara 2020 keessa ajjeefamuu fi kunis isa olaanaa ta'uutu gabaafame.

Gareen Global Witness jedhamu gabaasa isaa keessatti waggoota lamaan darban keessatti lakkoofsi namoota haala kanaan ajjeefamanii dabaluu ibse.

Namoonni ajjeechaa raawwatan hedduunsaanii kanneen qabeenya uumamaa qisaasessuun beekamaniidha.

Albuuda baasuu, qonna ooyiruu bal'aarra qotuu, pirojektii humna ibsaa bishaanirraa hojjechuu fi muka heddumminaan ciruun kanneen beekamantu quuqamtoota eegumsa naannoo fixan jedha gabaasi kun.

Quuqamtoonni eegumsa naannoo kunneen ''gaachana dachee kanaa turan'' kan jedhu gabaasi kun, namoonni kunneen sababa bishaan, bosona, garbaa fi dachee keenya eeganiif qofa akka hin taanetti ajjeefaman jedhe.

Erga bara 2015 jijjiirama qilleensaarratti waliigalteen Paaris mallatteeffamee as giddugaleessaan torbanitti quuqamtoonni kunuunsa naannoo afur ajjeefamaa jiraachuu gabaasi kun ibseera.

Hojii bosona ciruun meeshaalee garaagaraa hojjechuurratti hojjetamuun walqabatee quuqamtoonni naannoo 23 ajjeefamaniiru, kunis Biraaziil, Nikaaraguwaa, Peeruu fi Filippiins keessatti mudate.

Namoonni jijjiirama qilleensaa to'achuurratti hojjetan adda durummaan kanneen miidhamaniidha.

Kolombiyaa keessatti namoota 65 ta'antu ajjeefaman.

Garee Global Witness irraa duula gaggeessaa kan jiru Chris Madden, mootummaan namoota eegumsa naannoo irratti hojjetaniif wabii ta'uu qaba jedhe.

Kubbaaniyyaawwanis faayidaaniisaaniirra lubbuu dhala namaa fi eegumsa dachee keenyaaf dursa kennuu qabu jedhe.

Dhaabbatichi mootummoonni mirga dhala namaa, fayyummaa fi nageenyummaa dhala namaaf iddoo kennuu qaba jechuun akeekkachiise.

Pirezidaantiin COP26 Alok Sharma ''namoota adda durummaan eegumsa naannoorratti hojjetaniif dursa kennuun hojjetaa jirra. Akka sagaleen warra kaaniis dhagahamuuf warra dursaniif xiyyeeffannoo kennine,'' jechuun BBC'tti himan.

'Dubartii manashee keessatti rasaasaan ajjeefamte'

Kanneen ajjeefaman keessaa lammiin Afrikaa kibbaa maanguddoon umrii waggaa 65Fikile Ntshangase tokko.

Misooma albuudaa opencast kan warshaa cilee Tandele Coal jedhamuun hoogganamu himachaa turte.

Warshaan kun bulchiinsa KwaZulu-Natal handaara Somkhele'tti argama.

Dubartiin kun sababa kanaaf manashee keessatti iddoo ciiftutti rasaasaan ajjeefamte.

Dubartiin umrii waggaa 31 Malungelo Xhakaza,qabsoon haadhashee ammallee akka jiru mul'isaa jirti.

''Hanga har'aatti qaamni hidhame hin jiru. Namni itti gaafatame hin jiru. Akka kootti qaamni akka warshaan cilee kun itti fufu barbaadu jira jechuudha.''

Deggersa Warshaa Cilee Tandele'n kan hojjetu misoomni albuudaa Petmin Limited, Global Witness'tti akka himetti dhiphinuma uummata keessa turetu ajjeechaa Fikile'f sababa ta'e.

Hacuuccaa fi miidhaa gosa kamiiyyuu dhala namaarraan ga'uuf yaada akka hin qabnee fi godhees akka hin beekne kan hime kubbaaniyyaan kun, ajjeechaa kanaan walqabatee poolisii waliin ta'uun qorannoo gaggeessaa turuu hime.