Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Tokyo 2020: Konkolaataan Toyota shufeer-maleessi balaa geessisuun dhorkamee ture hojiitti deebi'e
Mandara Taphoota Paaraalimpikii Tookiyootti balaa dhaqqabe hordofee, Toyota'n konkolaattota isaa shufeer-maleeyyii irra deebiin hojii eegalchiise.
Tajaajilli konkolaattoota e-Palette jedhamanii, erga inni tokko atileetii qaroo dhabeessa rukute booda dhaabbatee ture.
Atileetiin kun miidhaan cimaan irraan gahuu baatus, miidhaa salphaa (dirmammuu fi muramuu) irra gaheen duuba dorgommii isaa keessaa hafeera.
Konkolaattonni kunniin to'annoo namaa fi hojjettoonni dabalataa kan ramadamaniif oggaa tahu, kunis miidhaa dabalataa akka hin geessisneef jedhameera.
Miseensi garee juudoo Jaappaan Aramitsu Kitazono, gaafa Kamisaa wayita lafoon daandii qaxxaamuraa turetti konkolaataa kanaan dhawame.
Balaa kana hordofee Aabba Kitazano dorgommii isaa ramaddii kg81 irratti osoo hin hirmaatin hafeera.
Toyota'n ibsa Wiixata baaseen akkas jedhe: ''Seensariin konkolaatichaa namni lafoon qaxxaamuraa akka jiru hubatee, awutomaatikiin fireenii qabate.
Namni achi keessa taa'us akkasuma fireenii yeroo balaa irra ejjete. Haa tahu malee, konkolaatichifi imalaan kun, otoo konkolaatichi guutummaatti dhaabbatee hin xumurin walitti bu'an.''
Kaampaanichi akka jedhetti oppireetaroonni konkolaatichi saffisa hangamiin akka imalu irratti to'annoo ni qabaatu jedheera. Kana malees akka kanaan dura konkolaaticha keessa nama tokko qofa osoo hin taane, namni lama taa'ee akka to'atu gochuusaas hime.
Tarkaanfiiwwan nageenyaa haaraa dabalaman keessaa sagalee akeekkachiisaa guddaa tahe, akkasumas mandara Paaraalimpikitti namoonni imaltoota lafoo deeggaran 20tti ol guddatu jedhameera.
Akka Toyota'n jedhetti ''guyya guyyaan'' hanga mandarichi cufamutti sirnoota nageenya fooyyeessuu itti fufna jedheera.
Gaafa Jimaataa balaa mudate hordofee hogganaa olaanaa Toyota, Akio Toyoda dhiifama gaafataniiru.
''Konkolaataan namarraa jabaadha, kanaaf akkuma eegamu namni sun maalirra akka ture yaadda'een ture,'' jedhan viidiyoo YouTube'n gadhiisan irratti.
''Kun Konkolaataan shufeer-maleeyyiin ammallee daandiiwwan guyyuuf guutummaatti akka hojiirra hinoolledha,'' jedhan Aabba Toyoda.
Konkolaataan kaampaanichi midhaasse e-Palette jedhamu kun kan anniisaa elektiriikiifi guutummaatti shufeer-maleessa kan tahe oggaa tahu, Taphoota Olimpikii fi Paaraalimipiikii Tokiyoof addatti yaadamee kan qophaa'edha.
Addunyaarra oomishaa konkolaataa isa guddaa kan tahe Toyota'n, akkuma morkattootasaa kaanii konkolaattota shufeer-maleessa oomishuun, daandiiwwan uummataa irratti nageenyaan akka imalan taasisuuf carraaqaa jira.