Lolaa Awurooppaa: Balaa namoota 150 ol galaafateen barbaachi warra badan itti fufe

Maxxanfame

Balaa lolaa biyyoota Lixa Awurooppaa gooleerraa namoonni lubbuun hafan yoo jiraatan hambisuuf gareen lubbuu baraartotaa ariitiirra jiru.

Roobni cimaan roobuu hordofee lolaa hamaa uumameen Beeljiyam fi Jarmanii keessatti namoonni dhibbaan lakkaa’aman ammas achi buuteen hin beekamne.

Siwiitzarlaandi, Laaksambargi, fi Neezarlaandis biyyoota roobni cimaan rukute keessaa yoo ta’an, MM Neezarlaandis Maark Ruut kutaa biyyattii Kibbaa keessatti labsii yeroo muddamaa labsanii jiru.

Balaa mudate kanaaf jijjiirama qilleensaatu sababa jechuun dursitoonni biyyoota Awurooppaa himachaa jiru.

Akka ogeessonni jedhanitti, ho’inni addunyaa dabaluun roobni cimaan akkasii akka mudatuuf sababa ta’uu mala.

Erga barri indastirii eegalee asitti qofa, addunyaan digrii seelshiyasii 1.2’n ho’itee jirti.

Jarman keessatti namoonni 100 ol lubbuu kan dhaban yoo ta’u, pirezidantiin biyyattii Firaank-Wooltar Isteeyinmeer naannoo lolaan itti mudate daawachuuf wayita jechaa jiranitti balaa dhaqqabe kanaan rifachuu himani.

"Naannoleen hundi lolaa mudateen naasuu keessa seenanii jiru, namoonni hedduunis waan umurii isaanii guutuu ijaarrachaa turan dhabanii jiru," jedhani Abba Isteeyinmeer ibsa gaazexeessitootaaf kennan irratti.

Namoota achi buuteen dhabameef soda jiru

Gareewwan lubbuu baraaruu Jarman keessa jiran haala hamaa jiruun danqamanii jiru, maatii namoonni duraa badanii oduu gaarii eeganiif ammoo, sodaan akka guddatu taasiseera.

Neetworkiin bilbilaa hojjataa hin turre, daandiiwwan akka malee manca’anii jiru, manneen kuma 100 ol ta’an humni ibsaa irraa citeera.

Naannoleen Kaaba Rihiin-Weestifaaliyaa, Rihiinlaandi-Paalaatineet fi Saarlaandi rooba hamaa roobeen warreen akka malee miidhamanidha.

Qaama Arliweelar kan taate Rihiinlaandi-Paalaatineet keessatti namoonni 1,300 ta’an Jimaata irraa kaasee achi buuteen hin baramne ture. Lakkoofsi kun garuu turtii keessa hir’achaa dhufuunis himameera.

Akka jiraataan gandichaa AFP’tti himetti, konkolaattonni lolaa kanaan akka fudhatamaniifi manneen akka jijjigan kaasuun, bakkichi ‘‘adda waraanaa’’ fakkaata jedhe.

Lakkoofsi namoota du’aniis dabaluu mala jechuun ministirri dhimma biyya keessaa naannichaa himanii jiru.