Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Abbaan daa'imasaa waggaa 24 dura jalaa hatame deebisee argate
Lammiin chaayinaa daa'imni isaa waggaa 24 dura jalaa hatame argate. Namni kun daa'imasaa kana barbaacha fageenya kiilomeetira kuma 500 doqdoqqee (motorbike)'dhaan biyya Chaayinaa guutuu keessa imaleera.
Namni umurii waggaa 51 Guo Gangtang, daa'imasaa umrii waggaa lamatti fuuldura manasa Shandong keessatti argamuu jalaa hatame waliin walargeera.
Chaayinaa keessatti daa'imman ukkaamsanii butuun rakkoo hammaataa ta'eera, waggaa waggaan daa'imman kuma kurnaan lakkaa'amantu butamu.
Akka Ministeera Nageenyummaa Hawaasaa Chaayinaatti, poolisiin biyyattii qaccee sanyii daa'ima kanaa adda baasuun abbaa isaaf mirkaneesseera.
Gabaasi Global Times akka himutti, namoonni yakka kana raawwataniiru jedhamuun shakkaman lama hordofamaa erga turanii booda hidhamaniiru.
"Amma daa'ima kiyya argadheera, kanaan booda waanti hunduu anaaf gammachuudha,'' jedhe Aab Guo'n.
Erga daa'imni isaa bara 1997 jalaa hatamee Aab Guo'n kutaalee biyyattii 20 ol doqdoqqeedhaan imalee barbaadaa ture.
Aab Guo'n daa'imasaa barbaacha aarsaa hedduu kaffaleera.
Osoo doqdoqqeedhaan imaluu balaa tiraafikaan lafeensaa cabeera, daandiirratti saamtotaan miidhameera, riqicha jalatti galeera, akkasumas maallaqa harkaa dhabee kadhataa ta'uuf dirqameera.
Garuu jireenyasaa guutuu daa'imasaa argachuu fi baraaruuf of wareege.
Wayita daa'imasaa barbaadaa ture kanatti jaarmiyaa namoota badan barbaadutti miseensa gameessa ta'e, kansaarra darbee maatiiwwan torba daa'imman isaaniin akka walargan godheera.
Chaayinaa keessatti saamichii fi hanni daa'immanii waggoota kurna hedduuf rakkoo hammaataa ta'ee ture.
Maatiin hedduun daa'imman isaanii achi buutee dhabanii abdii kutataniiru.
Gabaasi bara 2015 ba'e tokko akka mul'isutti waggaa waggaan daa'imman Chaayinaa 20,000 ta'an ni butamu.
Baayyeensaanii biyya keessaa fi biyya alaatti guddifachaaf gurguramu.