Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Finfinneetti waldaan Kiristaanaa himannaa sagaleen nu jeeqe jedhuun cufamte ol-iyyatte
Magaalaa Finfinneetti Waldaan Makaana Iyyasuus Damee Faransaay Lagaasiyoon, iyyata nama dhuunfaa sagaleen waldittii keessa bahu na jeeqeera jechuun dhiyeeffateen akka cufamtu murtee darbe mormuun, mana murtii Federaala Olaanaa Dhaddacha Ijibbaataatti ol iyyannoo dhiyeeffatte.
Manni murtii Federaalaa Olaanaa Rammaddii Bolee dhaddacha fitaabeerii, waldittiin mirga iyyataa fi maatiinsaa nagaa fi naannawa mijataa jiraachuu sarbitee jirti jechuun ture murte kan kenne.
Waldaan Kiristaanaa kun manni keessatti waaqeffannaaf fayyadamtu kan tajaajila mana jireenyaatiif jedhamuun hayyamni itti bahe waan ta'eef, manichi kaayyoo maastar pilaaniin itti baheef haa oolu jechuun murteesse.
Waldittiin garuu murtee kana mormuun ALI Waxabajjii 25, 2013 Dhaddacha Ijibbaataatti iyyata dhiyeeffachuu waldichatti walitti qabaan jaarsolii Obbo Bafirduu Masarat BBCtti himan.
Itti dabaluunis murteen mana murtee olaanaan dabarse dogongora seeraa waan qabuuf jechuun iyyachuu himan.
Waldaan Damee Faransaay Lagaasiyoon waggoota 26n dura kan hundeeffamte yoo ta'u, miseensoota dhaabbataa 700 akka qabdu Obbo Bafirduun ni dubbatu.
Bakka amma mormiin irratti ka'e kanarratti ALI bara 1997 irraa kaasee tajaajilli keessatti kennamaa kan ture yoo ta'u, dameedhuma kana jalattis daa'imman 260 dhaabbataan gargaaraa jirti jedhu Obbo Bafirduun.
Ollaan manni isaanii fageenya meetira 36 irratti argamuus sagaleen waldicha keessaa bahu anaafi maatii kiyyarra jeequmsa umeera jechuun himatan.
Iyyataan kunis maatii kiyya waliin beenyaan naaf haa kanfalamu, bakki waaqeeffannaa kunis tajaajila jireenyaa qofaaf akka ooluuf naaf haa murtaa'u jechuun iyyatan.
Waldittiin gama isheetiin himataan ''himannaa isaanii ragaan hindeeggarre, sagaleen na jeeqeera jechuun kan himatan sagantaa daa'imman hiyyeeyyiin itti deeggaraman irratti ture,'' jechuun mormiti.
Osoo miidhaan qaqqabuun hinmirkanaa'iin beenyaa gaafachuun mataansaa sirrii miti jedhu Obbo Bafirduun.
Manni murtii sadarkaa tokkoffaa erga falmii qaama lamaan jidduu ture dhaggeeffateen booda, bakkichi tajaajila mana jireenyaatiif haa oolu, himatamaan mirga iyyataafi kan maatiisaa sarbuurraa of haa qusatu, akkasumas baasii iyyataan adeemsa haqaatiif baase waldaan haa deebiiftu jechuun murteessee ture.
Manni murtii olaanaa dhimmicha ol iyyannoon ilaales, baasii iyyataan baasee 5,000 waldaan haa deebiiftuuf jechuun murticha kan fooyyeesse yoo ta'u, murteen kaan ammoo kanuma mana murtee sadarkaa tokkoffaatiin murtaa'een haa ragga'u jechuun ALI Waxabajji 18, 2013 murteessera.
Obbo Bafirduun waldittiin sagaleen garmalee olka'e akka hinbaaneef hojiiwwan fooyya'insaa adda addaa raawwachushee fi maastar pilaaniniis makaa malee mana jireenyaa qofaaf bakka hintaaneetti murteen darbe waan isaan gaddisiiseef ol iyyachuu BBCtti himan.
Adeemsi himannaa kanaa ALI bara 2009tti kan jalqabe yoo ta'u, iyyataan luba waldichaa himatanii turan. Yeroo sanattis dhaddachi waldicha malee nama dhuunfaa himachuu hindandeessu jechuun galmeesaa cufee ture.
Himannaa lammataatiin ammoo namoota dureewwan waldichaa jadhaman shanitu himatame. Erga murteen jalqabaa kennameen booda dureewwan keessaa namni tokko guyyaa tokkoof hidhamanii turan.
Namni kun kan hidhaman murteen erga darbee booda tajaajilli gaggeeffamuun hidhaabannee jedhamuun yoo ta'u, waldittiin birri 10,000 qabsiisuun namni kun akka hiikaman taasisuufi murtichis dhorkamuun mana murtii olaanaatti iyyanni galfamee ture.
Manni murtee waliigalaa Adooleessa 03, 2013 erga galmee ilaaleen booda, dhimmichi dhaddacha ijjibaataa ni ilaallata immoo hin ilaallatu jedhurratti murtee ni kenna.
BBC nama dhuunfaa waldittii himate dubbisuun dhimmicharratti ibsa dabalataa argachuuf yaaliin taasise hinmilkoofne.
Waldaan Makaane Iyyesuus Itoophiyaa, erga hundooftee waggoota dheeraa kan lakkoofsiifte yoo ta'u, miseensoota dhaabbataa miiliyoona 10.4 ol akka qabdu ragaan Federeshinii Lutaraan Addunyaa ni agarsiisa [Afaan Ingiliizii].
Sagalee dhaabbilee amantaa keessaa bahuun walqabatee qaamoleen adda addaa komii yoo kaasan dhagahamaa turulleen, BBCn iyyaafannaa taasiseen murtee kana fakkaatu kanaan dura dabarfamee akka hin beekne mirkaneesseera.