Sa'uudii Arabiyaan sagaleen Masjiidaa ba'u akka hir'atu akeekkachiifte

Maxxanfame

Qondaaltonni Sa'uudii Arabiyaa, komiin hawaasi sagaleen Masjiidaa ba'u akka hir'atu dhiyeesse sirriidha jechuun hammi sagalee akka hir'atu ajajan.

Ministeerri Dhimma Islaamummaa biyyattii ibsa torbee darbe baaseen, sagalee guddistuuwwan (speakers) jiran hundi tokko sadaffaa sagalee amma baasaa jiranii qofa akka fayyadaman ibsee ture.

Ministirri dhimma Islaamummaa Abdullaxiif al-Sheikh tarkaanfiin kun komii uummataaf deebii kan ta'uudha jedhan.

Tarkaanfiin fudhatame kun garuu miidiyaa hawaasummaarratti qeeqa guddaa kaasiseera.

Namoonni waa'een amantii itti bu'amuu hin qabu jedhanii amanan tarkaanfii mootummaan fudhate qeequun miidiyaa hawaasummaarratti duula eegalaniiru.

Gama kaaniin duulli sagaleen muuziqaa kaaffee fi restooraantiiwwan keessaa akka xiqqaate gaafatus miidiyaa hawaasummaa dhuunfateera.

Abdullaxiif al-Sheikh akka jedhanitti, namoonni komii dhiyeessan hedduunsaanii, kanneen daa'imman qabanii fi sababa sagalee guddistuutiin daa'imman isaanii hirriiba dhabaniidha.

Qondaalli kun nama salaataaf Masjiida deemu sagalee guddistuudhaan bakka inni jiruu waamuun hin barbaachisu jedhan.

Namni kadhannaa barbaadu taa'ee waamicha imaamaa eeguu hin qabu kan jedhan qondaalli kun, kanaafuu barbaachisummaan sagalee guddaa hagas mara miti jedhan.

Namoota tarkaanfii kana dura dhaabbachuun miidiyaa hawaasummaarratti duula bananiin ''diina Sa'uudii Arabiyaa'' jechuun waaman qondaalli kun.

Namoonni kunneen namoota yaada uummataa waliin laaquu fedhaniidha jedhan.

Sa'uudiin biyya amantii Islaamaan beekamtuu fi jiruufi jireenyi lammiileeshee amantichaan kan gaggeeffamuudha.

Yeroo dhiyoo as ammoo Ilmi Mootii Mohammad bin Salman ga'ee amantiin jiruu fi jireenya hawaasaa keessatti qabu laaffisuun nama hundaaf bilisummaan akka jiraatu daandii saaqaniiru.

Fakkeenyaaf dubartoonni konkolaataa konkolaachisuu fi kubbaa miilaa taphachuu akka danda'an eyyamaniiru.

Garuu ilmi mootii kun mirga yaada ofii bilisaan ibsachuu lammiilee yaabee gadi qabuun komatama.

Kanneen isa qeeqan kumaatamaan hidhaa jiru, dararamaa jiru.