Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ajjeechaa Hacaaluu waggaa tokko booda: Shaashamannee, magaalaa gubachuurraa guddachuutti deebi’aa jirtu
Ajjeechaa Wellisaa Haacaaluu Hundeessaa hordofee mormii fi hokkora Waxabajjii 23, bara 2012 uumameen Oromiyaafi Magaalaa Finfinnee keessatti lubbuu namaa fi mancaatii qabeenyaa hedduu kan hordofsiise ture.
Ajjeechaan isaa kun Oromiyaattis ta’ee biyyattiidhaaf rakkoolee hedduu dhale.
Lubbuu lammiilee nagaa hedduu galaafate, hedduun hokkora kanaan miidhaa qaamaaf saaxilaman, qabeenya uummataa fi mootummaa magaalota hedduu keessatti abiddaan gubate, namoonni siyaasaa fi siivilii hedduun hidhaa akka seenan ka’umsa ta’e.
Magaalota waggaa kana abiddaan mancaatiin guddaan itti gahe keessaa ammoo Baatuu fi Shaashamanneen bakka eelaan balaa kanaa haalan ifee itti mul’atedha.
Jiraattuu magaalattii kan tahanii fi namoota manni isaanii jalaa gubatee ture keessaa tokko kan tahan Aadde Muluu Nugusee, balaa waggaa darbe sanaa yoo yaadatan akkas jedhu,
“Barii sa’aatii 12’tti yaa’anii dhufan. Qabeenya kiyya hundumaa gadi guuranii guban. Ani jaartiidhaa nan ajjeesinaa jedheen kadhadhe. Achumaan harkisanii alatti nabaasani. Uffata qaamarraa qabu malee homaa hin baafanne. Waan yeroo sanii yoon yaadadhu ammayyuu hirriiba nama dhorka” jedhan.
Hoji gaggeessaan mana qopheessaa magaala Shaashamannee Obbo Musxafaa Gammadaa BBC’tti akka himanitti balaa waggaa tokkoon dura magaalattiitti qaqqabe hedduu rifaasisaa ture.
“Hoteelota Gurguddoo 27, manneen jireenyaa dhuunfaa 818 caaluu fi konkolaattota 85 tahantu abdiddaan gubatee ture. Mancaatii qabeenyaatiin alattis hawaasa magaalattii irratti miidhaan xiinsammuu gahe laayyoo miti” jedhan.
Shaashamanneetti erga balaan suni qaqqabee waggaan tokko darbus gamoo hoteela Hayilee dabalatee manneen ashaaraa abiddaa qabatanii akkasumatti turan ammallee ni mul’atu.
Haa ta’uutii magaalla Shaashamannee yeroo ammaa kana sochii daldalaa hoo’aatu keessatti mul’ata.
Magaalli bakka duriitti deebi’uuf waggoota itti fudhata jedhamee ture kuni waggaa tokko kanatti damdamannaa cimaa keessa akka jirtu namni magaalattii duraan beeku ni hubata.
Jiraataa magaalattii fi Abbaan Gadaa Bushuushee Buttaa waan magaalli Shaashamannee waggaa tokko kana keessa dhufte akkas jechuun ibsu.
“Magaalli tuni gubata sanirraa haftee ni deebiti jenneellee hin yaanne. Sabaa fi sablammiinillee garaa walbadee ture.
''Namni walitti fayyee wajjin jiraata jenneellee hin yaanne ture. Waaqni ammoo waan hunda gochuu dandaha. Jaarsonnis hojii araaraa hojjennee, magaalli waggaa 10’tti hin deebitu jedhamte waggaa tokkotti deebite” jedhan.
Bulchiinsi magaalichaa akka jedhutti waggaa tokkoffaan ajjeechaa Haacaaluu Hundeessaa yeroo yaadatamu kanatti magaala Shaashamannee keessatti Hoteelota lamaan alatti qabeenyi gubate hundi bakkatti deebi’eera.
“Qabeenyi gubate hoteela lamaan tokko kan rakkoo dhuunfaatiin hin haaromsiniin alatti guutumaan deebi’eera.
Manneen jireenyaa 21 akka haaraatti ijaarre. Manneen 818 tahan ammoo deebisnee haaromsineerra. Amma magaalli keenya balaa sanirraa dandamattee magaala hoo’ituu taateerti” jedhan Obbo Musxafaan.
Magaalli Shaashamannee yeroo ammaa sochii hawaas dinagdee hoo’aatti deebitus eelaa balaa yeroo darbeetiin kanneen ammallee yaadda’an jiru.
“Amma namni waan waggaa har’aa ta’e sana arge nagaan rafa jettee yaaddaa? Sobuun maal godha ammayyuu inuma yaaddofna. Sodaas qabna. Garuummoo waaqumatu jira” jedhan Jiraattuun Magaalichaa Aadde Muluun.
Hookkara ajjeechaa Hacaaluu hordofee Oromiyaafi magaalaa Finfinnee keessatti uumameen lubbuun lammiilee 180'tti siqu darbuu poolisiin ibseera.
Qabeenyi biiliyoona 4 ol ta'u tilmaamamees barbadaa'u kana dura Abbaan Alangee Federaalaa himeera.
Namoonni hookkaraafi ajjeechaan shakkaman irratti manni murtii hidhaa ganna tokko hanga 22 itti muruun ni yaadatama.