Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Taphataa 'qoricha haadha warraasaa dogongoraanan liqimse' jedheef adabbiin hir'ate
Taphataan kilaba Ayyaaksiifi garee biyya Kaameruuniif karra eegu Andiree Onaanaa qoricha humna namaaf kennu fudhateera jedhamuun adabbii irratti darbee ture akka salphaa ta'uuf taasifame.
Manni Murtii Koort Of Arbitireeshin Foor Ispoort adabbiin Onaanaa akka gara ji'a sagaliitti gadi siquuf taasiseera.
Karra eegaan umuriin isaa waggaa 25 Andiree Onaanaa Waldaa Kubbaa Miilaa Awurooppaatiin ture adabbiin ji'a 12 kan irratti murtaa'ee ture.
Onaanaa akka dhorkaan irra kaa'amuuf sababa kan ta'e Onkoloolessa darbe qorannoo tasaa taasisee booda qaama isaa keessatti qorichi humna namaaf kenna jedhamuun seeraan dhorkame argamuu isaatiin boodadha.
Haata'u malee, erga adabbiin irratti darbee booda dogoggoraan 'Aspiriinii' itti fakkaatee qoricha haadha manaa isaa akka liqimse dubbateera.
Haaluma kanaan dhorkaan ji'oota 12'f isarratti murtaa'e guutummaan guutuutti akka irraa ka'uuf ol iyyatullee dhaddachi inni itti iyyate garuu adabbii isarratti darbee ture salphaa taasisuu filateera.
"Dhaddachi CAS Andiree Onaanaa yakka kana raawwateera jedhee hin amanu. Qoricha nama biraa [kan haadha manaa isaa] dogongoraan liqimse," jedha ibsi mana murtichaa.
"Kanarraa ka'uudhaan dhibaa'ummaa karra eegaan kun agarsiiseen adabbiin ji'a sagal tapharraa dhorkuu gahaadha jedhee amana. Kanaaf, ji'a sadii irraa hir'isuun adabbicha salphiseeraaf. Haata'u malee, gaaffii karra eegaan kun himannichumti anarraa yaa ka'u jedhee dhiyeeffate hin fudhatu."
Akka murtee CAS kanaatti adabbiin Andiree Onaanaa irratti darbe ji'a Sadaasa dhufu keessa xumurama.
Onaanaan kilaba shaampiyoonaa warra Daach ta'e Ayaaks Amisterdaamiif karra eega. Sababii adabbii kanarraan kan ka'een bara dorgommii itti aanutti tapha jalqabaa kilabiin isaa taasisu irratti himaachuu dhabus Waancaa Afrikaa Amajji dhufu biyyi isaa Kaameruun qopheessitu irratti garuu hiriiruu ni dana'a.
Haata'u malee, taphawwan calallii Waancaa Addunyaaf Kaameruun taasiftu afur karaa foddaa TV ilaaluu qofa malee irratti hirmaachuu hin danda'u
Biyyi Andiree Onaanaa, Kaameruun, calallii Waancaa Addunyaaf Maalii, Ayivorii Kostiiti Mozaabiik waliin ramadamteetti.
Taphawwan biyyaalessaafi sadarkaa idil-addunyaa irratti gaggeefaman irratti hirmaachuu baatullee yeroo adabbii isaa fixachuudhaaf baatiin lama yeroo isa hafu gara shaakalaatti deebiyuu ni anda'a.
Himatni Andiree Onaanaa torban darbe keessa yeroo dhaga'ame irratti Daarektarri kilba Ayaaksi Eediwiin Daar Saar akka ol iyyannoo itti gaafatan himee ture.
"Dhamaatii ol-iyyaannoo nuti taasifne akkasumaan bu'aa malee hin hafne. Ji'a sadii iraa irrifachuun salpjaa mit.
Wanta ani irra deebiyee dubbachuu barbaadu Andireen qoricha kana dogoggoraan fudhate malee akka humna isaaf keennuuf jedhee miti. Nuti ispoortii dandeettii uumamaafi qulqulluutiif dhaabbanna," jedhe Vaad Dar Saar.