Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Itoophiyaan yeroo jalqabaatiif bajata waggaa birrii biiliyoona 500 ol raggaasuuf
Wixineen bajata waggaa Itoophiyaa yeroo jalqabaatiif birrii biiliyoona 500 ol taasisu Mana Maree Ministirootaan raggaassifame.
Bara bajataa dhufaatti bajanni mootummaa Itoophiyaa kan bara bajataa kanarra birrii biiliyoona 85n akka caalmaa qabu wixineen bajataa mana maree ministirootaan qophaa'e ni mul'isa.
Manni marichaas bajata motummaa federaalaa bara itti aanuu birrii biiliyoona 561 ol akka ta'uuf kan murteesse yoo ta'u, bajata bara 2013tti qabamee kan ture birrii biiliyoona 476 irra caalmaa harka 18 qaba jedhame - kana jechuunis birriin biiliyoona 85 dabalameera.
Manni Maree Ministirootaas osoo bajata bara 2014 hin raggaasisiin dura, bajata dabalataa bara kana barbaachiseefi sirreeffama baasiiwwan mootummaa haguuguuf barbaachisan hojiirra akka oolaniif yaada murtee dhiyaatan irratti mari'ateera.
Haaluma kanaanis bara bajataa 2013tti bajannii dabalataa kan barbaachise lola kaaba biyyattiitti mudateen walqabatee baasiiwwan mudatan, lammiilee gogiinsaan miidhaman, kanneen bakka jireenyaatii buqqa'anii fi kanneen bakka jireenyaatti deebi'aniif gargaarsa dhiyeessuuf, ittisa weerara Covid-19f, deeggarsa dhiyeessii xaa'ootiifi ittisa lolaaf ta'uun ibsameera.
Kana malees, pirojaktii ijaarsa dandeettii Ministeera Albuudaafi Inarjii fi ''bajanni of eeggannoo waan dhumeef baatiiwwan itti aananiif baasiiwwan barbaachisan adda addaatiif bajata of eeggannoo ramaduun barbaachisaa ta'ee waan argameefidha'' jechuun ibsi Mana Maree Ministirootaa himeera.
Haaluma kanaanis bajanni dabalataa birrii biiliyoona 26.4 gaafatame kan maddeen garagaraa irraa argamu ta'uun kan ibsame yoo ta'u, manni marichaas kanuma fudhachuun gara Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataatti ergeera.
Waggaa waggaan dabalata mul'saa kan dhufe bajanni waggaa mootummaa federaalaa Itoophiyaa, bara bajataa ALI 2014tti birrii biiliyoona 561.67 akka ta'uuf manni maree ministirootaa murteesseera. Kunis bajata biyyattiin hanga ammaatti qabattee turte hunda kan caaludha.
Bajannii bara dhufaaf qabame kunis baasiiwwan idileetiif birrii biiliyoona 162, baasiiwwan kaappitaalaaf birrii biiliyoona 183.5, deeggarsa naannooleef kennamuuf birrii biiliyoona 203.95, deeggarsa raawwii galma misooma walitti fufiinsa qabaniitiif birrii biiliyoona 12 qabamuun ibsameera.
Wixineen bajanni dabalataa walgahii Manni Maree Ministirootaa guyyaa Sanbataa ALI Caamsaa 28, 2013 taasifate irratti murtaa'e kunis, Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataatti ergamuun raggaasifamuu qabaata.
Itoophiyaan bara bajataa ALI 2011tti birri 346,915,451,948 qabattee kan turte yoo ta'u, bara 2012tti ammoo birrii 386,954,965,289 ol guddatee ture.
Bara 2009tti bajanni waggaa biyyattii birrii biiliyoona 274.3 akka ture ni yaadatama.