'Walaayitaa kan cunqurse sirna malee saba miti’- Amaanu'el Mooggisoo

Obboo Amaanu'el Mooggisoo

Madda suuraa, EMNUEL

Ibsa waa'ee suuraa, 'Biyyi tokko sammuu nama tokkootiin ijaaramti jedhanii yaaduun mataansaa balaa qaba,' jedhu Amaanu'el Mooggisoo
Maxxanfame

Cunqursaafi roorrootu nudhalche jedhu. Dararaa ummata Walaayitarraa ga’utu siyaasatti nugalche jedhu. Erga hundaa’ee ammallee ganna lama qofa kan ta’een paartii Sochii Biyyaalessaa Walaayitaaf dura taa’aa kan ta’an Amaanu'el Mooggisoo waliin gaaffiif deebii taasifneerra.

Maaliif roorrootu nu dhalche jettu?

Ummanni Walaayitaa jaarraa 13ffaa irraa eegalee sirna bulchiinsaa akka malee dimokraatawaa ta’een bulaa kan turedha.

Ummanni kun humnaan Itoophiyaa amma jirtutti erga makatee booda tokkummaafi birmadummaasheef wareegama ummata kaffalaa turedha. Utubaa biyyaa ta'ee itti fufeera. Ta’us ijaarsa biyyaaf hanga gumaache hin fayyadamne. Hanga gumaachasaa fayyadamuu hafuun sababa tokkodha.

Naannolee garagaraattis eenyummaa isaaniitiin dhalattoonni Walaayitaa miidhaa qaamaa, xiin-sammuufi qabeenya isaaniirra ga’aa tureera. Kanatu walitti ida’amee gara qabsootti nugalche.

Miseensota hagamii qabdu?

Ammarra sana himuuf nan rakkadha. Garuu guyyaa guyyaadhaan akka malee dabalaa jira.

Lakkoofsuma giddu-galaa naaf kennuu dandeessuu?

Innoo baay’eedha. Sin dogongorsa. Harkakoorra odeeffannoo mirkanaa’aa hin qabu. Haruma osoo laallee, aanaa ani amma keessa jirutti namoota 100 oltu galmaa’ee jira. Amma kana jechuu kooti.

Yoo akkasumaan nutti himi jette garuu miiliyoona walakkaa nita’u.

Seenaan Walaayitaa badeera seenaa Itoophiyaa keessatti iddoon isaaf ta’u hin kennamneef jettanii turtani, seenaasaa isa kamtu hin himamne jettu?

Walakkeessa jaarraa 12ffaa irraa kaasee Walaayitaan biyya of danda’e ture. Mootummoota sadii qaba ture. Ummata moototaan bulaa turedha.

Mana maree mataasaa qaba. Kan gubbaafi gajjallaa jedhamuun kan qoodame.

Ummanni hedduun meeshaa meeshaadhaan jijjiiree shamatachaa wayita turetti, Walaayitaan maallaqa mataasaa qaba ture. Maqaan isaas ‘Maarcuwaa’ jedhama ture. Sibiilarraa baqfamee kan hojjetame.

Walaayitaan hanga Hindiitti daldala geggeessaa ture. Shawaarraa hanga Keeniyaa Haroo Turkaanaatti, achirra darbees hanga Garba Hindiitti tamsa’ee turedha.

Mirga isaa eegsisuufis meeshaa waraanaan ummata fageenya hedduu deemedha.

Warri Abisiiniyaa Impaayera isaanii babal’isuuf wayita ka’anitti iddoowwan biraa salphaatti yoo to’atan, Walaayitaattii ganna torba itti fudhate. Ummata hagam jabaa akka ture sitti mul’isa.

Akkamittiree seenaa guddaa kanarraa ka’ee ummata godina tokkotti hammatame kan ta’e?

Itoophiyaan har’aa erga uumamtee as tokkummaa bulchiinsaa malee tokkummaan ummataa jiraate hin beeku, kun yaada bu’uuraati.

Adeemsa kana keessa sirni fiiwudaalii dhufe. Sirna kana keessatti Abisiiniyaarraan kan hafe Kibba biyyattii %75 ol gabbaartota kan taasifate ture. Kuun ammoo dafqaan bulaa.

Waan guyyaa guyyaan omish qaama kaanitti kennaa omishasaarraa fayyadamuu waan hafeef hiyyoomaa deeme. Ummanni qe’eerraa buqqa’e. Of sooruu waan dadhabeef kan uumamedha.

Ummanni lafa gabbataa kanarratti sababa cunqursaatiin nyaata argachuu dadhabnaan magaalaatti baqachuu eegale. Cunqursaa sirnaatu ture kan jennuufis kanumaafi.

Sirni fiiwudaalii yoo kufee Dargiin dhufe, achiis ADWUI’n dhufe. Achiis jijjiirama jedhamee ADWUI’n lammaffaan dhufe. Cunqursaan ummata Walaayitaarra ga’u garuu hin dhaabbanne.

Piroojektii Miniliik Itoophiyaa ittiin ijaaran akkamiin ilaaltu?

Sochiin Miniliik humnaan ture. Tokko ta’uun badaa miti. Karaa ittiin tokko taanetu hamaa ture.

Namni hedduun Miniliik Itoophiyaa tokkoomsani jedha, tokko taasisuufi tokko ta’uun keenya omaa miti. Erga tokko taanee boodadha hammeenyi kan ta’e.

Adaan badee afaan tokko qofa akka ta’u godhame. Hanga yeroo dhiyootti ummattoonni Kibbaa afaan isaaniitiin dubbachuu nisiqiqu tureem.

Itoophiyaa keessa adaan hedduun osoo jiruu gara tokkotti fiduuf yaaluutu balaadha.

Kanaafuu Minliik tokkummaa daangaa malee tokkummaa ummataa hin uumne. Irraafi jela kan aanu uumani. Sirni sana booda dhufes sanuma itti fufsiise.

Itoophiyaa hunda callaqqistu uumaa baannaan ammoo, tokkummaan ummataa dhufuu hin danda’u. Tasuma. Qabsoonis hanga yoonaatti kan itti fufe kanumaafi.

OTokkummaa ummataa uumurratti dadhabinni isaanii (kan Miniliik) kanture. Osoo tokkummaan ummataa dhufeera ta’ee, afaan, aadaan, seenaan keenya osoo dhorkamuu baatee, inni kaan irra aanaa kaan gadi aanaa osoo jedhamuu baatee, qabsoon 1950 kaasee ture silaa hin jiraatu tureeyyu.

Paartiin keessan mirga ummata Walaayitaaf qofa dhaabbachuunsaa Itoophiyaaf maal fayyada?

Paartiin keenya ummata Walaayitaaf kan dhaabbatedha. Haata’u malee akka waliigaltee keenyarra ifatti jirutti, Walaayitaa ta’uun haadhaafi abbaarraa kan dhaalamu miti, yaada dha. Amala dha.

Maal jechuudha?

Hayyee! Afaan, aadaa fi misoomasaa deeggaruun afaan isaa akka guddatuuf kan deeggaruufi qabatamaan kanaaf kan dhama’uufi kan qabsaa’u jechuudha.

Namni tokko kan abbaaf haadharraa dhaaleen qofa ulaagaa Walaayitummaa guuta jechuu miti. Akkas taanaan sanyummaa ta’a. Kanaafi Walaayitaa ta’uun yaadadha kan jennuuf.

Rakkoon maalidha seete? Itoophiyaa keessatti siyaasa saba irratti xiyyeeffateef maqaa jibbaa hedduutu kennama. Siyaasa sanyummaa, siyaasa gosummaa akkasumas kan biro. Sana kan jedhu warra cunqursitootadha.

Saba jechuun, afaan fi bulchiinsa ofii kan qabu, xiin-sammuu tokko kan qabudha, sanaan saba jenna.

Saboonni mirga isaaniif yoo falmatanidha warri cunqursitoonni maqaa garagaraa itti kennaa xureessuuf yaalu. Suni dogoggora guddaadha.

Saba siqiqsitee eenyummaasaa balleessuu hin dandeessu. Siyaasni keenya saboonni hunduu hirmaatanii hanga miila keenyaan kopheen nuuf haatolfamu kan jedhudha.

Bu’uurri keenya Walaayitaa ta’ee umattoota hundaaf dhaabbachuun Itoophiyaa hundaaf wal-qixa taate ijaaruudha.

Zoonii Wolaayittaa

Madda suuraa, Wolaita zone chief adminstrator/facebook

Ibsa waa'ee suuraa, 'Ummanni Walaayitaa jaarraa 13ffaa irraa eegalee sirna bulchiinsaa dimokraatawaa ta'een bulaa ture'

Siyaasa lammummaa akkamitti ilaaltu? Sabummaa Itoophiyummaawoo?

Jalqabumayyuu Itoophiyaan biyya saboota hedduuti. Wanti Sabummaa Itoophiyummaa jedhamu jiraachuu hin danda’u.

Suni jiraachuu kan danda’u silaa sabni %60-70 caalmaa qabu tokko osoo jiraateeyyu.

Itoophiyaa keessatti sabni ulaagaa sana guutu hin jiru.

Itoophiyaan kan ummattootaa ta’uushee haaluu hin dandeenyu. Uumama keenya dha.

Tokkummaa fiduuf jecha ummata jijjiiruu fi aadaa jijjiiruuf qabsaa’uu hin qabnu.

Sabaafi sablammoota qabanneetu biyya ijaaruu kan dandeenyu. Federaaliizimii dhugaadhaani Itoophiyaan irra deebiin kan uumamtu.

Sabummaa Itoophiyummaa jechuun federaalizimii faallessaa?

Dhugumatti, paartiin hunduu sirna federaalaan ijaara siin jedha, garuu ulaagaa isa guddaa dagatu.

Maaloodha inni?

Federaaliizimii jechuun ofiin of bulchuu jechuudha. Akkamiin sirna federaaliizimii ijaarta jettee yoo gaafattu, gariin isaanii Itoophiyaa bakka shanittan hira siin jedhu.

Kuunimmoo reefuu itti yaadaa jirra siin jedhu.

Saboota irratti yaalii gochuuf kan yaadaniifi, tasuma Itoophiyaa keessa sabni hin jiru kan siin jedhan jiru.

Walumaagalatti yoo ilaalte garuu siyaasa lammummaafi biyyaalessaa geggeessina paartileen jedhan, kan warra Lixaarraa fidan nutti fe’uu barbaadu.

Suni maal jechuudha?

Maal jechuudha seete, yoo rakkinni dinagdee sulphate kan seenaa, aadaafi afaan fa’a dhibee hin qabu. Adaafi wantoonni akkasii yeroodhaan booda yoo bades yoo jiraates omaa miti warra jedhanidha.

Yoo nyaattee dhugde ga’aadha, aadaafi duudhaan kee omaa miti siin jedhu. Dhugaa natti himi jennaan, warri siyaasa lammummaa geggeessan kan sirna fiiwudaalii irraa badaa kana adda miti.

Federaaliizimiin dhugaan isaan bira hin jirtu.

Adeemsa MM Abiy ilaaluun, warreen siyaasa lammummaa geggeessaniif mijatoodha kan jedhan jiru. Adeemsaan sirna federaaliizimii kana balleessanii ummata tokko ijaaruufi jettanii yaaddoftuu?

Maqaa namaa kaasuu hin jaaladhu. Akka sirnaatti kanin ilaaluu fedhu. Biyyi tokko sammuu nama tokkootiin ijaaramti jedhanii yaaduun mataansaa balaa qaba.

Ummata Walaayitaarra sabni dhiibbaa geessise jira jettanii yaadduu?

Gaaffii gaariidha. Itoophiyaa keessa waliigalteerra ga’uun kan hin danda’amne yaada bu’uuraa kanarrattidha. Sirna cunqursaa fi saba tokko godhanii ilaaluutu jira.

Sirni cunqursaan heddumminaan bakka irraa ba’e, Amaaraa yookaan Tigraayi yookaanis guutuu Abisiiniyaadhaan cunqursaadha ati ittiin jedhama.

Namoonni siyaasaa amma jiranis haajaa siyaasaaf kanatti fayyadamu.

Nuti akka paartiitti sirna malee sabni Walaayitaa cunqurse jira jennee hin amannu.

Walaayitaarra kan ga’e cunqursaa gosa lamadha. Inni tokko sirnaan kaan ammoo ijaarsaan.

Ijaarsa sirnichi fidu nijira. Ijaarsa sanatu Walaayitaan akka ofiin of hin bulchine mirga dhorke. Kanuma. Hanga har’aatti kan itti fufedha.

Yeroo dhiyoo asitti ijoolleen Walaayitaa maaliif barumsa dhiisanii magaalaatti galuu baay’isani? Wanti uumame jiraa?

Baay’inni ummataafi bal’inni lafaa Walayitaa, Itoophiyaatti isa guddicha dha. Lafa dhiphaarra nama hedduutu jiraata. Baadiyyaa yoo deemnu, magaalonni ummata jiraachisuu waan hin dandeenyeef lafuma xiqqoorra marsee jiraata.

Baadiyaarra hojimaatni qonnaa lafa xiqqoo sana misoomsee ittiin jiraatu dhabamnaan filannoon jiru baqachuudha.

Baadiyyaa osoo seentee gaafattee sitti himu. Qonnaan bulaan maal jedha seete, ‘laficha gaafadhu sitti hima’ siin jedha.

Lafti gabbina dhabee ijoolleen industirii itti seentee hojjettu yoo dhabdu baqachuun ala filannoo maalii qabdi?

Sidaamaan erga naannoo ta’ee booda gaaffiin Walaayitaa cimee ture, tasa bade. Maaltu ta’e?

Bakka bu’aan ummataa haqa qabeessi hin jiru. Bakka bu’umsi ummataa dhugaan hin jiru. Hoggansi amma jiru gaaffii ummataa garagalcheetu angoorra jira.

Filannoon kun Walaayitaaf kan jiraachuufi baduuti kan jennu kanumaafi.

Ijaarsa gaaffii Sidaamaa deebisee kan Walaayitaa kuffisuun maal jetta? Nuufiyyuu waan hin galledha.

Ofiin of bulchuun gaaffii Sidaamaatti aanee kan dhufe miti, Xoonaarraa kaasee kan turedha. Ganna 150 ce’ee kan as ga’e.

Gaaffii seena qabeessa gaafatamuu qabuufi heera mootummaa bu’uureffatedha. Deebi’uu qaba ture. Sirnichi cunqursaa ta’uufi haqa dhabuu akkasumas bakka bu’aa gaarii dhabuutu deebii akka hin arganne nutaasise.

Amma maalirra jira?

Ummanni gaaffiin kun lafeesaa keessa seeneera. Dhaloonni kun gaaffii kana itti fufsiisa.

Cunqurfamuu keenyaaf ijaarsa sababa ta’e osoo hin sirreessin wanti ta’u hin jiraatu. Gaaffiin gaaffii siyaasaati. Siyaasaan deebifamuu qaba. Kanaafi kan gurmoofnes.

Mootummaan MM Abiyyiin durfamu osoo rakkoo keessa jiruu gaaffii akkasii kaasuun waan gaariidhaa? Naannoo ta’uun rakkoolee bu’uuraa ni hiikaa? Ummataaf waan buusu qabaa?

Yaada cunqursaadha kanin siin jedhu isuma kanadha.

Aanaa godina gochuu miti dubbichi. Bulchiinsi saboota 56 of keessatti hammate misooma ummata Walaayitaa hin mirkaneessu. Sabni tokko ofan bulcha yoo jedhu sirni dhorku, cunqursaadha.

Cunqursaan sunis cunqursaa sabaa jedhama. Saba tokko saba wantoota jechisiisan keessaa tokko, ofiin of bulchuu dha. ‘ADWUI’n inni lammeessoo’ erga dhufee waggaan sadii darbeera. Yeroo hundumaa gaaffii Kibbaa ka’u ukkaamsanii darbu.

Ganna sadii guutuu ‘yeroon amma miti’ jedhamaa ture. Waggoota dhufanittis yeroon amma miti nuun jedhu.

Gaaffichi gaaffii Walaayitaa qofa mitiim. Saboota 56 Naannoo Kibbaa jiran osoo gaafannee kanuma isin jettan jedhu.

Baguma gaaffii kana kaafte, dabaa Naannoo Kibbaarratti hojjetamen sitti hima.

Gaaffiin Walaayitaa akka hin deebineef jecha saboota tasuma waan kana yaadanii hin beekne osoo hin hafin balbala rukutanii gaafadhaa jechaa turani.

Gaaffii Walaayitaa awwaaluuf jecha dabaa ta’e jedhamee hojjetamedha.

Kanaafuu gaaffiin naannoo ta’uu yeroon amma jettanii amantuu?

Gaaffii akkamiiti kun? Gaaffii ganna 50-60 ga’edhaam.

Maaliif yeroon amma miti jetta? Yoo amma ta’uu baate yoomidharee? Gaaffichi waggaa kana guutuu ukkaamfamuu isaatu kana fide sitti hin fakkaatuu?

line

Dura taa'aa Sochii Biyyaalessaa Walaayitaa kan ta'an Amaanu'el Mooggisoo hedduu galatoomfanna.