Harroota sanyiin abaaboo akka hin badneef duularra jiran

Harroonni kunneen sanyii faca'erra deemuun lafatti akka lixan taasisu

Madda suuraa, STUART KEY/THE DONKEY SANCTUARY/PA WIRE

Ibsa waa'ee suuraa, Harroonni kunneen sanyii faca'erra deemuun lafatti akka lixan taasisu
Maxxanfame

Harroonni gosa abaaboo sanyiin isaa baduutti dhiyaachaa jiru baraaruuf hojii hojjetamu keessatti hirmaachaa jiru jedhame.

Da’annoo harrootaa Deevoon UK keessatti argamutti sanyiin abaaboo daraaraa xixiqqaa qabuu facaafamee jira.

Abaaboon ‘catchfly’ Biriiteen keessatti naannoo itti biqilaa ture keessaa, sababa qonnaa humnaa oliifi fayyadama qorichaatiin %70 ol badeera, jedhu geggeessitoonni piroojektii kana hordofaa jiran.

Harroonni kunneenis sanyii facaafame kanarra deemuun (akka yeroo xaafiin faca’uu jechuudha) hormaataaf lafa keessa seensisu jedhamee abdatama.

Abaaboon catchfly naannoo qarqara galaanaarra kan biqilu yoo ta’u, baala diimadii fi rifeensa maxxannee ta’e ofirraa qaba.

Amma kan argamu Weelsi fi Kibba-lixa Ingilaandi keessa qofaa akka ta’e, dhaabbanni waan kana baraaruu irratti bobba’e Pilaantilaayif himeera.

Dhaabbanni bineeldota baraaruu irratti idil-addunyaarra hojjetu kun akka jedhetti harroonni isaanii mooraa waajjira muummee keessatti maasii qophaa’e irratti sanyii faca’erra deemu.

Abaaboon kun sababa qonna humnaa oliifi fayyadama qorichaatiin %70 ol badeera

Madda suuraa, PLANTLIFE/PA WIRE

Ibsa waa'ee suuraa, Abaaboon kun sababa qonna humnaa oliifi fayyadama qorichaatiin %70 ol badeera

Karoorri keenya sanyii abaaboo kana sanyiiwwan midhaaniifi abaaboo kan biroon wal biratti lafa simbirroonni gosa garagaraa argachuu danda’an irratti guddisuu ture jedhani, Hoji geggeessituun eegumsaafi kunuunsuu dhaabbata kanaa Ruut Eenjil.

Dabaluunis, ‘‘sanyii daneessuun haala guddataa deemuun naannoo sanyiiwwan baduuf ga’aniif mijataa ta’e uumuuf hedduu barbaachisaadha.

Akkasumas harroota nubiratti argamaniif,’’ jedhan.

Abaaboowwan akka malee bareedaniifi bakka muraasa qofatti argaman kunneen baduurraa baraaruun bakkeen duraan itti biqilaa turanitti akka deebi’an taasisuu abdii godhachuun hojjechaa akka jirudha piroojektiin kun kan beeksise.