Dubartiin qabeenya isaa dhaaluuf jecha duuressa tokko ajjeeste yakkamtuu jedhamte

Maxxanfame

Dubartiin qabeenyaa paawundii miliyoona 3.5 ta'u keessaa harka sadii kan ta'u dhaaluuf jecha nama manasheetti kireessaa ture ajjeesuun himatamte yakka raawwachuun irratti mirkanaa'e.

Antoonii Soozaraan gaheessaa waggaa 59 yoo ta'u, sababii fayyaa isa mudateetiin kunuunsa harka dubartii amma isa ajjeeffette jedhamte Liindaa Richaard irraa argata ture.

Liindaan osoo nyaataafi deeggarsa qoricha dhowwachuun du'aaf isa hin saaxiluun dura dhaamsa dhaaltummaa qabeenyaa dabarsu (will) isaa akka harka sadaffaa isheef kenneetti sobaan qopheessite.

Namni 'qofaa jiraatu' kunis bara 2014tti UK qarqara Oksfoordii Kaaba Newiingitoniitti manasaa qonnaa biratti argamuutti du'uunsaa argame.

Abaan warraa dubartittii Wayiineen kan umuriin waggaa 66 yakka ajjeechaa kana keessaa bilisa ta'ulleen sababii du'uu kun akka mudatuuf hayyameef itti murtaa'eera.

Hiriyyoonni dubartiittii jecha nama du'ee akka waan isheef qabeenyaa isaa keessaa harka sadii kenneetti sobaan mallatteessanis yakkammoo ta'un itti murtaa'eera. Ammam akka itti murtaa'ee garuu Kibxata dhufaa barama.

Haatii warraa fi abbaan warraa kunneenis bara jireenyaa isaanitiif Mr Suuzaraan kan amma ajjeefamee bira jiraachaa turan.

Waa'ee jecha nama du'ee duraan kennee dagachuun, maallaqa isaa paawundii kumaatamaan lakkaa'amu 'fedhii maallaqaa safuu hinqabne' ishee ittiin guuttachuuf fayyadamte.

Haata'u malee walakkaan qabeenyaa nama ajjeefamee kanaas erga namota akka ''ajaa hantuutaa'' itti dhagaheen booda gara dubartittii akka hindabarre dhaabsifameera.

Wayita dubartiin kun mana mana isheef kireesse ''addatti baasuun to'ataa'' turteetti abbaan warrashee jidduu hingallee ture.

Dhaddacharratti gorsaan wallaansa namoota jaaranii Dr Pitar Kirokar akka jedhaniitti, abbaan qabeenyaa kun ulfaatina qaamaasaa irraa kg 26 ture. Kunis ji'oota 15 keessatti kan mudate jedheera.

Erga bara 2014tti kufeen booda deegarsa namoota biraa irratti kan hirkataa ture yoo ta'y, osoo hindu'iin dura yoo xinnaatee sa'aatiiwwan 34f nyaataa omaa akka hinfunne himeera.

Duutii isaas kan barame Guraandhala 18, 2014 wayita doktarri isaa bakka inni dubartii madda du'aasaa taatee waliin jiraataa ture dowwachuuf deemeetti ture.

Hir'inni nyaataa cimaafi dhiibbaan dhiigaa irra ture abbaa qabeenyaa kaan infekshinii sombaa du'aaf saaxile qabsiisuu maan murtiitti hime.

Mr Suuzaraan nama 'beekamaa' garuu ammoo sababii rakkina fayyaa sammuu xiqqaa qabuutiin akka nama 'baruuf rakkisaa ta'eetti' ibsama.

Obbooleettii isaa waliin walii galu dadhabuun 1988tti lafa qonnaa bakka maatii waliin jiraachaa ture gadi dhiise. Isaan boda ammoo gaa'ila isaa hiikuun namaa bahe.

Bara 2008 keessa ammoo haadha isaa waliin gara lafa qonnaatti deebii'e. Achinis maatii Richaard kan bara 2006 kaasee kireeffachuun achi jiraataa turan waliin jiraachu eegalan.

Jechu nuzaazzee isaa dubartii ajjeefteef qabeenyaa saa keessaa harka sadii kenneera jedhamuun sobaan qabbaa'ees lafa qonnaa sanas ni dabalata.

Robbie Weber, abbaan alangaa gameessii ''Liindaa Richaardi dubartii humamaan nama gaarii hintaanedha. Gara jabeettiifi kan safuu hinqabne kanan bara oggummaa kiyya keessatti tokkaa kan akkasii hinagareedha,'' jechuun ibseen.

''Antooniin osoo du'asaatiin torbaniin dura wallaansa argate ta'e ture hindu'u ture.

"Akka inni wallaansa argatu gochuun ammo ittigaafatamummaa Liindaa ture. Garuu isheen qabeenyaa isaa fayyadamuuf akka inni du'u waan barbaaddi.

"Kunis dhimmi cimaadha. Tajaajilli Abbaa Alangaa Kiraawuun yoo ajjeechaa itti yaadamee nyaata dhowwachuun raawwatamee fi maallaqa argachuuf jecha ta'e akka ilaaluuf aangoon kennamuuf waggaa 100 keessatti kun kan jalqabaati.''

Abbaan warraa dubartiittiis maallaqa nama ajjeefameetiin konkolaataa Mitsbushi Shogun bitachuuf yakkamaa ta'e.

Akkasumas hirriyyoon Dubartiittii sadeen - 'Mikaa'el Danklii, 49, Denise Neal, 41, fi Shanda Robinson, 51 - sobaan jecha nuzaazee mallatteessuun yakkamtoota jedhamaniiru.

Hirriyyaansaanii kan biraa June Alsoford kan umuriin waggaa 78 garuu dogongora ta'u amaneera.