Tigraayitti sababa duula soomaafi kadhataa labsameen sochiin idilee qabbanaa'e

Madda suuraa, M.A
Naannoo Tigraayitti duulli soomaa fi kadhataa Kibxata eegalee guyyoota sadiif turu kan abbootii amantaan labsameen walqabatee magaalota naannicha keessa jiran hedduu keessatti sochiin qabbanaa'uu jiraattotni BBC'tti himan.
Magaalota hedduu naannoo Tigraay keessa jiran keessatti sochiin dinagdee fi hawaasummaa guutuutti dhaabatee akka jiru jiraattotni dubbifne himaniiru. .
Jiraataa magaalaa Maqalee kan ta'an Obbo Abrahaan soomaa fi kadhata labsame osoo amantaan wal hin qoodiin raawwachaa jiraachuu dubbatan.
''Guyyaa sadi akka soomnudha kan nutti himame. Guyyoota sadan labsaman kunneen mana keenya keessa teenyee uumaa fi sammuu keenya qofa waliin rakkoo harkaa nu qabu akka nurraa ka'u kadhataa jirra. Yeroo ammaa lmmiileen beela'an, kanneen sababa hanqina tajaajila fayyaa dararamaa jiran hedduu waan ta'aniif isaan yaadachuf soomaa jirra'' jedhan.
''Hoteelota gurguddoo qondaaltonni mootummaa fi jaarmiyaaleen gargaarsa keessa boqotan lameen irraa kan hafe dhaabbileen daldalaa hundi cufamaniiru. Konkolaattonnis sochii dhaabaniiru.'' Jechuun haala Magaalaa Maqalee keessa jiru ibsa obbo Abrahaan.
Haala walfakkaatuun jiraattonni mgaalaa Shiree soomaa fi kadhatarra akka jiranii fi sababa kanaanis sochiin hunduu dhaabbatee jiraachuu jiraataa magaalatti kan ta'an Obbo Amaaree Mallasee BBCtti himaniiru.
''Sochiin homaatuu hin jiru. Lola naannoo Tigray keessa jiruun walqabatee nagaan akka bu'uuf muslimas ta'e kiristaanni soomaa fi kadhatarra jiru. Sochiin namootaa fi konkolaattotaa dhaabbateera. Suuqiiwwan cufamaniiru. Jireenya koo keessatti yeroo soomaa fi kadhataa ulfaataan akkanaa na quunnamee hin beeku. Kun anaaf hiikaa guddaa qaba.''
Rakkoo Tigraay mudatee jiru sababa soomaa fi kadhataa kanaan rabbi akka irraa kaasuuf jennee xiyyeeffannaan soomaa jirra'' Jechuun duula kadhataa fi soomaa itti jiraniin gammaduu himu.
Labsiin soomaa fi kadhataa kun bilbila akka hin kaasnee fi akka waliin hin dubbannes kan ajajuudha.
Kanarraa kan ka'e namoonni hedduun bilbilasaanii cufanii hirmaannaa hariiroo hawaasummaa keessaa ba'anii waaqasaaniitti iyyataa jiru jedhu jiraattotni kunniin.

Madda suuraa, M.A
Jaarmiyaaleen mootummaa hedduun cufaa ta'anis kanneen akka Baankii garuu magaalaa Maqalee keessatti banaa jiru.
Magaalota akka Adigirat, Aksum, Wuqroo fi Shiree keessatti garuu sochiin tokkolle hin jiru.
Obbo Mikaa'el jiraataa magaalaa Aksum ''Haga ammaatti soomaa jirra. Guyyaa guutuu soomaa oollee galgala sa'atii tokkotti nyaata nyaanna. Akkaataa ajaja dureewwan amantiitiin sooma guyyoota sadiirra jirra'' jedhan.
Jiraattonni magaalaa Aksum labsii labsame hordofuun manaa ba'uu dhiisuu isaanii hordofee jaarmiyaaleen daldalaa tokko tokko saamsamaa jiraachuusaanii himu Obbo mikaa'el.
Dhimma kanarratti kan dubbisne Bulchaan Godina Giddu Galeessaa Naannoo Tigraay Obbo Birhaan Gabratsaadiq suuqiiwwan saamsamuu mirkaneessaniiru.
''Kanneen hojii dhabuun duula gaggeessaa jiranirratti tarkaanfiin saamsuu fudhatameera. Aksuum bakka barattoonni yunivarsiiti hedduun itti argamaniidha. Lammiileen kunneen tajaajila argachuu waan qabaniif kanneen suuqii cufan irratti tarkaanfii saamamsuu fudhanne'' jechuun gara tarkaanfii kana caaluuttis deemaa jiraachuu himan.














