Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Manni Murtii Aanaa Magaalaa Finfinnee Mootummaan Naannoo Oromiyaa hundeesse maali?
Manni Murtii Waliigala Oromiyaa Kibxata ALI Caamsaa 17 bara 2013 magaalaa Finfinnee naannoo Saariis jedhamuun beekamutti mana murtii aanaa Magaalaa Finfinnee hundeesseera.
Amma dura Manni Murtii Waliigala Oromiyaa magaala Finfinnee keessatti Mana Murtii aanaa hin hin qabu ture.
Dhimma kanarratti BBC waliin turtii kan taasisan daayirektarri Kominikeeshinii Mana murtii Waliigala Oromiyaa Obbo Gonfaa Atoomaa, Naannoon Oromiyaa magaala Finfinnee keessatti mana murtii aanaa hundeessuuf mirga labsiidhaan kennameef qaba jedhan.
"Bu'uura labsii lakk 216/2011 keewwata 24 jalatti tumameen Magaalli Finfinnee teessoo Mootummaa Naannoo Oromiyaa waan taateef, magaalicha keessatti dhimmoota dantaa naannoo Oromiyaa ilaallatan kan itti ilaalu mana murtii aanaa hundeessuu akka danda'u akeeka," jedhan.
Manni murtii haaraa hundaa'e kunis rakkoolee ammaan dura turan hedduu kan furudha jedhan.
"Intarpiraayizoonni Mootummaan Naannoo Oromiyaa bulchu, hojjettoonni mootummaa, abbootiin taayitaa, qabeenyonni naannichaa hedduun magaalaa kana keessa jiru.
Kana dura badiin yookan yakki yoo irratti raawwatame manneen murtii naannoo Oromiyaa ilaaluuf aangoo hin qaban ture," jedhan.
Yeroo badiifi yakki qabeenya naannichaa kan magaalicha keessa jirurra gahe, ammaan dura poolisiin Oromiyaa to'achuuf mirga akka hin qabnellee yaadachiisan.
"Kana dura yakki yoo uumame poolisii Finfinnee yookin Poolisii Federaalaatti iyyatamee, mana murtii federaalaatti deemee ilaalamaa ture. Manni murtii amma haaraa hundaa'e kuni rakkoolee akkanaa kan furudha," jedhan.
Manni Murtii Aanaa Magaalaa Finfinnee amma haaraa hundaa'e kun tokko qofa ta'us, gara fuula duraatti akkaataa barbaachisummaa isaatiin kutaalee magaalichaa adda addaa keessatti dhaddacha dhaabbii yookaan mana murtii aanaa biraa akka hundaa'us himan.