Filannoo Itoophiyaa: 'Filannoon biyyaalessaa marsaa jahaffaa Waxabajjii 21 gaggeeffama'

Maxxanfame

Guyyaan filannoon biyyaalessaa marsaa jahaffaa Itoophiyaa itti gaggeeffamu haaraan Waxabajjii 21, 2021(ALI Waxabajjii 14,) 2013 ta'uu Boordiin Filannoo Biyyaalessaa beeksiise.

Filannoon Waxabajjii 5, 2021 gaggeeffamuuf ture sababii hojiiwwan loojistikii fi bakkeewwan tokko tokkotti harkifannaa galmee filattootaan walqabtee dhiheenya kana torbanoota muraasaan boodatti akka butamee boordichi ibsee ture.

Itoophiyaan filannoo marsaa jahafaa bara darbee gaggeessuuf turte sababii weerara koronaavaayirasitiin bara kanatti dabarsuunis ni yaadatama.

Harkiifannaa yeroo filannoo kanaan walqabatees keessattuu gareewwan bulchiinsi MM Abiy Ahimad qeeqaniin Muummi Ministiraa Koronaavaayirasiitti qabachuun seeraaan ala aangoora turuuf yaadan ilaalcha jedhu qabaachuu isaaniin mudamni siyaasaa dhalateera.

Bara kana ammoo bakkeewwan hedduutti gaafa Waxabajjii 5, 2021tti akkasumas ammo Magaalaa Finfinneefi Dirree Dhawaatti ammo torbaniin booda gaggeeffuuf irra deebiin karoorfamee ture.

Haata'u malee sababiiwwan loojistiikaafi adeemsawwan hojii kan akka bakkeewwan muraasaatti sababii tasgabbiitii walqabatee galmee filattootaa harkiifachuutiin guyyaa jedhametti filannoo gaggeessuun rakkisaa waan ta'eef torbanootaan harkifachuu akka danda'u Boordiin Filannoo Biyyaalessaa torban darbee beeksiiseera.

Torbanoota muraasaan akka booddeetti harkifachuun waqtii gannaa biyyattiin itti galtu waan ta'eef baayyina namoota sagalee kennaniirratti dhiibbaa qabaachu mala yaaddoo jedhu uumee ture.

Naannoo Tigraay kan lollii keessatti gaggeeffametti filannoon yeroo hinmurtoofneef kan dabarfamee yoo ta'u, naannoo Oromiyaa keessaatti ammoo paartileen siyaasaa Oromoo gurguddoon lama motummaadhaan dhiibamneera jechuun filannoo keessa bahaniiru.

Paartileen kunneenis paartiin biyya bulchu, Paartii Badhaadhiinaa, dirree siyaasaa dhiphisuufi miseensoota isaa hidhuun akkasumas waajjiraalee isaanii jalaa cufuun himatu.

Paartiin biyya bulchu ammo himannaawwan kanneen hinfudhatu.

MM Abiy Ahimad jalqaba torban kanaatti filannoon biyyaaleessaa kunis bilisaafi haqa qabeessa ta'u mirkaneessuuf mootummaansaanii kan hojjatu ta'u himaniiru.