Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Kaawuntiin Chaayinaa sagantaa kabaja guyyaa dhalootaa dhorkite
Mootuummaa gidduu galaa irraa mallaqa akka malee qisaasuun akka dhaabatuuf wamichaa dhiyaateen, Kaawuntiin kibba Lixa Chaayina kabaja guyyaa dhalootaa dabalatee sagantaalee kabajaa adda addaa dhorkite.
Akkasumas cidhaa fi sirna awwaalchaa irratti keennaa maallaqaa doolara 31 ol keennuu dhorkuu dabalatee seera haaraa baasteetti.
Seerri Funing Kaawuntii kun miseensota paartii kooministii hunda, hojjettootaa mootummaa fi hoggantoota dhaabbilee gandaa ilaallata – jiraatonni harka caalaan seeraa kana hordofuun irra hin jiraatu.
Aadaa Chaayinaa keessatti sagantaalee adda addaa irratti keennaa maallaqaa kennuun kan baramedha.
Ta’us garuu, kennaa akkanaa fayyadamuun namoota dhiibbaa uumuu danda’aniif matta’aa kennuun barameera.
Paartiin Koministii miseensota isaa irratti yeroo tarkaanfii fudhatu kun kan jalqabaa miti jechuudha.
Bara 2015tti sochii farra malaammaltummaa gaggeeffameen miseensonni nyaataa fi dhugaatii akka malee qaalii ta’e fayyadamuu, miseensa kilaaboota ispoortii goolfii ta’uu ykn kilaboota dhuunfaa seenuu irraa dhorkamaniiru.
Haata'u malee waggootii hedduuf lammileen cidha ‘salphaa fi giddugaleessa ta’e’ akka godhataniifi “baasii irra darbaa fi maallaqa qisaasuu” irraa akka of qusataniif Chaayinaan waamicha dhiyeessaa turteetti.
Akka qajeelfama haaraa torban darbe ba’een, sagantaalee kabaja guyyaa dhalootaa, hojii keessattuu angoo haaraa argachuu ykn mana haaraa seenuu kabajuuf qophaa’an baatii kanarra eegale dhorkamaniiru.
Akkasumas seerootni hordofamuu qaban addatti qophaa’an jiru.
Fakkeenyaaf bulchiinsa Yunaan kaawunticha keessa jiru keesatti hojjattoonni mootummaa cidha qopheessan irratti maqaa keessumootaa fi gatii isaan baasisu dursani mootummaa naannichaatti gabaasuu qabu.
Dabalataanis minjaalli sagaantaaf qophaa’u 20 darbuu akka hin qabneefi keessumooti 200 akka hin dabarre kan eerudha.
Qophiichi mana nyaatatti yoo qophaa’ee baasiin nyaata nama tokkoof ba’u doolara 7 darbu hin qabu, yoo mana jireenyaatti qoophaa’e ammoo doolara 46 darbu hin qabu.
Lakkoofsi konkolaataa cidhaaf fayidaarra oolummoo 10 darbuu hin qabu.
Qophii cidhaa barame irratti keessumooti dhibbaan lakkaa’aman ni argamu, keessumootni kennaa maallaqaa kennuunis waan baramedha.
Gandoota xixiqqoo keessatti qophiin cidhaa fi awwaalchaa akka sagantaa guddaatti qophaa’ee guyyootaaf turuu danda’a.
Haaluma walfakkaataan sirna awwaalchaafis seerri haaraa ba’eera. Chaayinaa keessatti maatii gaddarra jiraniif ‘maallaqa jajjabinaa’ kennuun waan baramedha.
Sagantaan awwalchaa/gaddaa guyyaa sadii caalaa turuu hin danda’u, akkasumas saganticha irratti wanta raawwate guyyaa 10 keessatti mootummaatti gabaasuun dirqama.