Kadijjaa: Daa'ima ajaa'ibaa osoo hin gahiin haadha koomaa keessa turterraa dhalatte

Maxxanfame

Dubartiin osoo ulfa jirtuu sababa Covidn dhukkubi itti cimee of wallaaltee du'aafi jireenya gidduu turte (koomaa keessa turte) daa’imni ishee erga dhalatee booda akkamiin akka dammaqxe himti.

Ammajjii keessa Mariyaam Ahimad Covid-19n erga qabamte booda Hospitaala Giraange, Kiwambiraan seentee yeroo dheeraaf waan turtu hin seene.

Ulfa torban 29 taatee osoo jirtuu isheefi abbaan manaashee Usmaan maqaa daa’ima isaanii lammataa dhalachuuf jiruu hin murteessine.

Ta’us garuu haalli fayyaa Miiriyaam aritiin hammaachaa deeme.

Oggeeettiin seeraa ganna 27, dhibee asmaa duraan qabdu kun, “akkuma tasaa hangi Oksijiinii naaf kennamuu dabalaa dhufe. Bayyee humna waanan dhabeef namni fuula narraa dhiquu, na kunuunsu jira ture,” jetti.

“Naagaatti jedhi’

Jalqabaratti utuu isheen of beektuu mala baqaqsanii wallaanuun (Caesarean section) daa’imni akka dhalachuu danda’u oggeessoti fayyaa itti himan.

Ta’uus garuu daa’imni ishee lubbuun oluu dhiisuu akka danda’u itti himan.

Guyyootii booda, gaareen oggeessota fayyaa Mariyaam koomaa keessa seenfamuu akka qabdu murteessan. Oggeessi fayyaa harka ishee qabee, “lubbuun deebi’uu dhiisuu dandeessa,” jechuun itti hime.

“Waantichi ariitiin ta’e,” jetti. “ Gara daqiiqaa shanii keessatti, ‘ventileetara fayyadamta, C-section’dhaan deessa, daa’imni ni dhalata, atimmoo of wallaalta, du’uu dandeessa. Nagaatti jedhi’.”

Mariyaam maatii ishee Suwaansii jiraaniif bilbiltee, oggeessi fayyaa ammoo abbaa warraashee Niiwpoortitti daa’ima isaanii ganna tokkoo Yusuuf waliin tureef bilbile.

“Abbaa manaafi ilmakoollee hin haasofsiisne – Daa’imaakoo irraa halkan tokkooffillee gargar ba’ee hin beeku,” jetti.

"Abbaafi haadhakoo waliin viidiyootiin yemmuun haasa’u boo'aan ture. Qofaakoon ture, sodaadheen tures.”

Daa’imni Mariyaam Amajjii 18 dhalatte. Guyyoota jalqabaa muraasaaf daa’mni kun ulfaatina kiiloo 1.17 qofa qabdi turte.

Haala nama ajaa’ibeefi akeekkachisa oggeesotaa irra darbuun, guyyaa itti anuu Mariyaam koomaa keessaa dammaqxe.

“Maal akka uumame hin beekun ture,” jetti. “Nan dammaqe. Akka garaakoo keessa homaa hin turre, dhukkubbii guddaa keessan ture.”

Torban tokkoof daa’imashee arguu hin dandeenye. Narsooti suuraafi viidiyoo kaasanii Mariyaamitti agrsiisaa turan. Yeroo kanatti isheen kutaa wal’aansaa addaa keessa turte.

Torban tokkoo booda Mariyaam fi Usmaan intala isaanii arguuf yeroo qophaa’anitti maqaa Kadijjaa jedhuu moggaasuufiif murteessan.

“Amantaa Islaamaa keessatti, Kadijjaan dubartii ciimtuufi of dandeessudha,” jetti Mariyaam.

"Akka ilaalchakootti, Kaddijjaan koo baayyee cimtuudha. Daa’ima torban 29tti dhalatteef rakkoo hin qabdu. Rakkoo isheen qabaachuu dandeessu hunda natti himaa turan. Isheen tokkosaayyu hin qabdu. Kun ajaa’iba.”

Kanaaf, yeroo jalqaba daa’imashee agartee baatte maaltu itti dhaga’ame?

“Baayyeema baarreedduu natti taate,” jetti. “Ujjummoo hedduun itti qabsiifamee jirtus, ‘kun daa’imakoodha’ jedheen haade.”

Mariyaam maatii isheetti akka dhiyaattuuf, Kadijjaan boodarra gara hospitaala Singiltan Suwaamsii jirutti dabarfamte.

Torbanootni itti aanaan ‘cimaa turan, sababiin isaa Miiriyaam daa’imaashee harma hoosisuu waan barbaadduuf, kana jechuun ammoo irra daddeebiin aannan gara hospitaalaa geessuu ta’e.

Torbanoota saddeet booda Kadijjaan hospitaalaa baatee mana galteetti. Umurii ji’a sadiifi walakkaatti, amma ulfaatina kg 4 qabaattee, fayyaa gutuu qabdi.

“Isheenis anis lubbuun jiraachuu keenyaan baayyeemaan gammada.

“Yaaddannoo sodaachisaafi hamaa ta’us, wanta xixiqqoof galateeffachuun bare. Maatii waliin yeroo dabarsuu. Carraa hundatti fayyadamee galateeffachuu akkan qabudha, kanan kanarra bare.”