MM Somaaliyaa adeemsa filannoorratti mari'achuuf hooggantoota naannolee walga'ii waaman

Maxxanfame

Ministirri Muummee Somaaliyaa Mohammad Huseen Roble akkaataa filannoo fala dhabee tureef haala furmaata kaa'uun danda'amurratti mari'achuuf dureewwan naannolee hanga sadarkaa federaalaatti jiran walga'ii waaman.

Dhimma filannoorratti waliigaltee tokkorra ga'uu dhabuun biyyattii hookkara lubbuu namaa gaaga'eef saaxileera.

Paarlaamaan biyyattii aangoo pirezidaantii kan waggaa lamaaf dheeressuuf murteessanii turan haqaniiru.

Mariin dhimma filannoorratti gaggeeffamuuf jiru kun gaafa Caamsaa 20tti karoorfamee jira.

Bulchiinsota biyyattii keessa jiran keessaa bulchiinsi Jubaalaand fi bulchiinsi Puntlaand ammallee waa'ee walga'ii kanarratti yaada hin kennine.

Mariin dhimma filannoorratti kanaan dura dureewwan naannolee biyyattii gidduutti gaggeeffamaa ture hinmilkoofne.

Qondaaltonni naannolee Pirezidaant Mohammad Abdullaahi Farmaajoo yeroon aangoosaanii waan xumurameef aangoorraa bu'uu qabu jechuun gaafataa turan.

Pirezidaantichi garuu didanii aangootti cichan, kunimmoo hanga biyyattii dirree waraanaa gochuutti ga'eera.

Mormii isaan mudate booda aangoo waggaa lamaaf dheerateef dhiisanii filannootti kan deebi'an Pirezidaant Farmaajoon, hojii filannoof haala mijeessuu Ministira Muummeef dhiisanii jiru.

Ministirri Muummees erga paarlaamaan aangoo pirezidaantichaaf dheeresse haqee booda waraanni biyyattii mooraatti akka deebi'an ajajan.

Aangoon Pirezaand Farmaajoo Guraandhala darbe gaafa guyyaa 8, 2021 kan obba'e yoo ta'uy, filannoon biyyattii keessatti gaggeeffamuun irra tures sababa dhibdee dureewwan naannolee gidduutti mudateef hin milkaa'in yoona ga'eera.