Teknooloojii: Taphoota mobaayilaa 'aadaa Itoophiyaa beeksisan'
Maxxanfame
Daawit Yunivarsiitii Finfinneerraa gosa barnootaa Injinariingii Elektrikaalaafi Kompiyutaraan kan eebbifame oggaa tahu, yaadni geemii Kukkuluu gara hojiitti kan jijjiirame barataa waggaa dhumaa wayita turetti.
Hundeessaafi hojii gaggeessaan Qinee Geems Daawit Abrihaam, adeemsa geemii kana hojjechuu hunda keessatti yaadonni Itoophiyaafi Afrikaa keessa jiru jedha.
Yaadni Kukkuluun eegale tapha aadaa saddeeqaa 'Gabaxaa' jedhamutti ce'eera.



