Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Teeknoloojii: Namoonni viidiyoon waliif bilbilan gara fuulduraatti qaamaan harka walfuudhuu danda'uu laata?
Appilikeeshiniin Zoom jedhamu weerara Covid-19tti haa tolu malee bu'aa doolaara biiliyoonotaan argachuu danda'eera.
Sababii vaayirasichaatiin namoonni manaa bahuu waan dadhabaniif filmaanni ture mana taa'anii hojii waajiraa raawwachudha.
Walgahiifi mariin minjaala guddaa marsanii taa'urra gara kompiitara iskiriinii xiqqootti deebiise.
Kalaqaafi itti-gaafatamaan Appii Zoom ammoo gara fuula duraatti namoonni viidiyoon walgahii taa'uurra darbee qaamaan harka walfudhuu ni danda'u jechaa jira.
Kana qofaas osoo hintaane, bunaafi shaayilleen teknolojiidhuma kanaan addunyaa tokkoo gara biraatti nan geessaa jedheera.
Erik Yuwaan kana kan jedhe walgahii onlaayinii tokkorratti.
Teeknoloojii hubannoo nam-tolchee (artificial intelligence)tti fayyadamuun kana raawwachuun na hin dhibu jedheera Yuwaan.
Namoonni ammatti vaayirasichaatti baran illeen mana taa'un hojjachuu hin dhaaban jedha hojii gaggeessaan kun.
Akkas jechuun isaa kun baayyee nama hin dinqisiisu sababii nama teknoloojii ta'eef.
Haata'u malee, kampaanii talaallii omishu Faayizar ammoo talaallii cimaa argadheera erga jedheen booda gabaan Zoon gadi bu'eera.
Yuwaan garuu namoonni torbanitti guyyoota muraasa waajira deemanilleen manaa hojjachuun aadaa keenya haaraa ni ta'a jedheera.
''Addunyaan manaafi waajira teenyee kan hojjannu ni taati. Kanas waan haala gaariin fudhachuu qabnudha,'' jedha Yuwaan.
"Na amanaa ani mataankoo guyyaatti walgahii hanga 19 karaa Zoom nan taasisa,'' jechuun walgahiiwwan viidiyoo hangam akka baayyataa jiran hima.
Ittigaafatamaan kunis guyyaatti daqiiqaa 15f callisaan yaaduun boru ammoo waan haaraa maalan qabadhee dhiyaadha jechun akka yaadu hima.
Dhuma bara keessa jirruu kanattis walgahiiwwan daqiiqaawwan tiriliyoona sadii ni gaggeeffama jedhee tilmaama kampaanichi.
Kun ammoo kanaan dura ta'ees argamees waan hin beekamneedha.
Kampaanichi iccitiifi nageenya fayyadamtootaa eguu qaba jechuun komiin irratti ka'aa jira.
Namoonni 'Zoombombing' nu mudataa jira jedhu. Kunis namoonni hedduun al tokkichatti teknolojii kanatti yoo fayyadaman, ni burjaaja'a. Waan hin mallee raawwata.
Haata'u malee, ''nuti hanga dandeenyuun guddataa jirra,'' jedha Yuwaan.
Zoom koronaavaayirasiin duras ture akka ammaatti guddachuu baatulleen. Kanaaf, beekkamtiin qabu baayyee hin turre.
Kampaanichi bara 2011tti wayita hojii eegalu invastaroota amansiisuun baayyee cimaa akka ture dubbata Yuwaan.
''Ergaawwan lakkii nu dhiisi jedhan akka na qaqaban yaadachuu hin danda'u. Baayyee turan,'' jedha.
Haata'u malee, Ebla 2019 irratti gabaa Niiw Yoork irratti hojii eegale.
Tibba sanattis gatii gabaa teknolojii doolaara biiliyoona 9.2 ture.
Namtichi gara Ameerikaa deemuuf yeroo sagal iyyatee yeroo saddeet dhorkame.
Cimee hojjachuunsaa fiixaan bahiinsa kanaan akka isa gahee baayeen kan dubbatan.
Abbaan qabeenyaa kunis ammatti qabeenyaa doolaara biiliyoona 18 akka qabu tilmaamama.
Haata'u malee, jireenya isaatti jijjiramni dhufeera jedhee hin yaadu.
''Yoo hojii, maatiifi mataakoo ilaalu, jijjiramni hangasii dhufeera jedhee hin yaadu. Zoom silaayyu Zoomidhuma. Anis anuma - Sirriiyuu kanan duraan hojjadhu caalaan hojjataa jira,'' jedha.