Koronaavaayirasii: Indiyaan lakkoonsa namoota guyyaa tokkotti koronaan qabaman olaanaa galmeessite

Ibsa waa'ee viidiyoo, Koronaavaayirasii: 'Maaloo, daqiiqaa tokkoof haadha koo naaf ilaali'
Maxxanfame

Indiyaan walitti aansuun guyyaa afraffaaf lakkoofsa namoota guyyaa tokkotti koronaavaayirasiin qabaman akka addunyaatti isa olaanaa ta'e galmeessite.

Sanbata kaleessaa namoonni haaraan 349,691 vaayirasichaan yoo qabaman, walumaagalatti lammileen biyyattii miliyoona 17 ta'an vaayirasichaan qabamaniiru.

Hospitaalonni namootaan guutaman, hanqina ooksijiiniif jechaa dhukkubsattootaa ofirraa deebisaa jiru.

Ameerikaan rakkoo koronaavaayirasiin Indiyaa keessatti uumaa jiruun yaadda'u ibse Sanbata.

Ministirii haajaa alaa Ameerikaa Antonii Biliinkan, Ameerikaan dhiyeessii fi deeggarsa dabalataa godhuuf mootummaa Indiyaa waliin hojjetaa jirti jedhan.

Mootummaan Indiyaa hospitaalota hanqina jabaa qabaniif oksijinii dhiyeessuuf baaburootaa fi xiyyaarota ramadeera.

'Yaadachiisa hamaa'

Magaalaa guddittii Delhii keessatti rakkinichi akkaan hammaata. Hospitaalota magaalattii keessatti namoonni firoonni isaanii jaalatan yaala tokko osoo hin argatiin siree irratti jalaa du'aa jiru.

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) haalli Indiyaan amma keessa jirtu, waan korobaavaayirasiin godhuu danda'uuf 'yaadachiisa hamaadha' jedhe.

Biyyattii keessatti lakkoofsi namoota vaayirasichaan du'anii guyyaa tokkotti 2,767n dabaleera. Kunis isa olaanaadha.

Patient with breathing apparatus in ambulance in Ahmedabad, India (20 April)

Madda suuraa, Reuters

Baatilee muraasa dura mootummaan Indiyaa vaayirasicha irra aanuu beeksisee ture. Walakkeessa Guraandhalaa lakkoofsi namoota haaraa qabamanii gara 11,000tti gadi bu'ee ture.

Bitootessa keessa ministirii fayyaa biyyattii Indiyaan weeraricha waliin 'tapha isa dhumaarra jirti' jechuun dubbatan.

Haata'u malee ergasii gosti haaraa vaayirasichaa uumamuu fi namoonni walitti qabamuun heddummachuu hordofee weerarichi deebi'ee cime.