'Guyyaa beellamaa qofa pilaazmaan akka arginu ta'aa jira' -Abukaatoo Lammiifa'aa

Maxxanfame

Maamiloota keenya guyyaa beellamaa qofa pilaazmaan akka arginu ta'aa jira, Abukaatoo Lammii Beenyaa fi Daawwit Abdataa.

Ajjeechaa Haacaaluu Hundeessaa hordofee Adoolessa 4, bara 2012 kan hidhaman qondaalonni ABO Lammii Beenyaa fi Daawit Abdataa hanga Onkololeessa bara 2013 tti himanni osoo itti hin banamin mana hidhaa turan.

Himanni jeequmsa kakaasuu fi yakkoota shorokeesummaan walqabatan erga irratti banamee ilaalamaa tureen boodas manni murtii waliigala Oromiyaa dhadhacha Muddee 14 bara 2013 ooleen wabii birrii kuma 20 tin akka gadhiifaman murteessee ture.

Ji'oota afran darbaniifis manni murtii akka bahan ajajus sababa poolisiin gadhiisuu dideef hanga ammaatti mana hidhaa akka turan ta'eera jedhan Abukaatoon Isaanii Obbo Boonaa Yaazoo.

Abukaatonni himatamtootaas murtiin kuni akka hojiirra ooluuf ol iyyannoo mana murtii waliigala Oromiyaatti dhiheefachaa turaniin Poolisiin Oromiyaa namoota kunneen maalif akka hidhee jiru akka dhihaatee ibsu yeroo shan ajajamus hin raawwatamin hafeera.

Manni murtii waliigala Oromiyaa gaafa Bitootessa 20 bara 2013 dhimma kanarratti murtii dhumaa kenneen himatamtoonni lamaan dhadhachumarratti akka gadhiifaman ta'us poolisiin karrarratti eegee mana hidhaatti deebisuunsaa niyaadatama.

Erga manni murtii Waliigala Oromiyaa himatamtoota lamaan bilisaan gadhiiseen booda abbaan alangaa waliigala Oromiyaa mana murtii waliigala Federaalaatti ol iyyannoo gaafachuus Obbo Boonaan himaniiru.

Haaluma Kanaan himatamtoonni lamaan mana murtii waliigala Federaalaatti qaamaan dhihaatanii falmii afaanii akka taasisaniif Kibxata Eebla 12, 2013 tti bellama qabatee turus namoonni kunneen garuu dhihaachuu hin dandeeye jedhan.

"Beellama kaleessaa kanarratti falmiidhaaf qophoofnee yeroo dhadhacharratti dhihaannu jarri hin dhihaanne.falmii taasisuuf ammo dhimmicha yakka waan ta'eef warri yakkichaan himatame dhihaachuu qaba." Jedhan.

Himatamtoonni lamaan sababa ol iyyannoon irratti dhihaateef mana hidhaa naaf haa turan jedhee Abbaan alangaas mana murtii hin gaafanne manni murtii waliiala federaalaas hidhaa taa'anii yaa hordofan jedhee ajajni kenne hin jirus jedhan Obbo Boonaan.

Manni murtichaas namoota sababa manni murtii hin beeknee fi bakka manni murtii hin beeknetti hidhaman kanarratti ajaja nuuf haa kennu jechuun dhadhacha irratti gaafachuus himan.

Manni murtiis 'nutu hin hiine, akka hidhamanis hin ajajne' jechuun yaada gabaabaa kennuus dubbatan.

Lammii beenyaa fi Daawit Abdataa Hidhaan erga bilisa jedhamanii fi ol iyyannoon irratti gaafatamee itti jiran kuni fedhii poolisii qofaan ta'aa waan jirudhas jedhu Obbo Boonaan.

Manni murtii waliigala Federaalaas himatamtoonni kunneen gaafa Caamsaa 12 bara 2013 bakka hidhaa jiran magaala Mojoo Irraa Adaamaa Galma Abbaa Gadaa geeffamuun pilaazmaadhaan dhadhacha irratti argamnii falmii afaanii taasisaniif beeellama qabachuus himan.

Bakka hidhaa jiranitti qaamaan dubbisuu akka hin dandeenyee fi dhadhachichis pilaazmaan ta'uun ammoo caalmaatti dhimma maamiloota isaanii hordofuurratti dhibbaa itti uumuu akka malu garuu yaaddoo qabu Obbo Boonaan.