Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
MM UK Booriis Joonsan maaliif sirna awwaalcha ilma mootiirraa hafu?
MM UK Booris Joonsan ''hamma danda'ame miseensotni maatii akka hirmaataniif eeyyamuuf jecha'', ofii sirna awwaalchaa Duukii Edinbiraa Sanbata dhufu raawwatu irratti hin argamne waajjirri isaanii hime.
Namoota 30 qofa - ijoollee ilma mootii, ijoollee ijoollee isaanii fi firoota dhiyootu sirna awwaalchaa bataskaana Qulqulluu Joorji Chaappel, Windisoritti raawwatu irratti argama jedhamee eegama.
Uummatni kaan manuma isaanii akka turaniif gaafatameera. Ilmi mootii Chaarlas Sanbata kaleessaa gadda du'a abbaa isaa yoo ibsatu ''abbaa koo akka maleen yaada'' jedhe.
Qe'ee isaa Giluuchestershaayir irraa yoo gadda du'a abbaa isaa ibsatu ilmi mootii Chaarlas, ''nama addaati...hunda caalaa ammoo waa'ee isaa wantoota jedhamanii fi qalbii nama tuqaniin raajameera,'' jedhe.
Ilmi mootii akka jedhetti, innii fi maatiin isaa galata guddaa dhiyeessuun ''yeroo gaddaa kanatti nu jajjabeessa'' jedhan.
Duuk warra Edinbiraa ilmi mootii Fiiliip masaraa Windisoor keessatti gaafa Jimaataa ture ganna 99 kan boqatan. Sirni yaadannoo isaa waldaa Kaatediraalii Kantibaariitti barfata har'aa kan gaggeeffamu taha.
Sirni awwaalchaa isaa kan masaraan Bukingihaam ''haalaan'' hawwii ilma mootii Filiip mul'isa jedhe akkaataa yeroo weerara koroonaa kanaaf mijatutti qindaa'aa jira.
Isa duraan yeroo mootonni du'an sirni gaggeessaa namoota baay'een taasifamuun ala sirni kun karaa foddaa televizhinii kan gaggeeffamu taha.
Lakk. 10 jedhamuun kan beekamu waajjirri MM UK akka jedhetti, ''akkaataa seera to'annoo koroonaavaayirasiitti sirna awwaalchaa Duukii Edinbiraa ilma mootii Filiip namoota 30 qofatu hirmaachuu danda'a.''
Ministerri muummees haaluma kanaan maatii moototaaf gaariidha kan jedhee fi hamma danda'ame miseensotni maatii baay'een akka irratti argamaniif sirna awwaalchaa kana hin hirmaatan.
Miseensota maatii moototaa sirnicha irratti argaman keessaa Duukii Suseksi abbaa warraa taatuu Meegan Meerkil ilma mootii Heerii tokko yoo tahu qe'ee isaa Kaalifoorniyaa irraa gara UKtti kan balali'u taha.
Haati warraa isaa mucaa isaanii lammaffaa ulfa taate akka gara masaraa Buukinghaamitti hin imalleef hakiimni ishee gorseera.
Sirni awwaalchaa akkamiin gaggeeffama?
Gaafa awwaalchaa sa'a 15:00 ykn 11:00 gara galgalaa yeroon gadda itti ibsatan akka biyyaalessaatti daqiiqaa tokkoof callisaan turama.
Reeffi ilma mootii Fiiliip kabajaan Windisoor keessaa bahuun gara mana amantaa 'St George's Chapel ' konkolaataa Laandi Rooverii inni diizaayin gochuun gargaaree tureen geeffama.
Miseensotni maatii moototaa, ilma mootii Weelsi dabalatee reeffa duuba deemu. Giiftiin ammoo addatti gara mana amantichaatti galu.
Keessummoonni ammoo wal irraa fagachuun, maaskii ykn haguuggii fuulaa kaawwachuun adeemu. Daqiiqaa saddetiif dhukaasni ni gaggeeffama.
Namootni sanduuqa reeffa baatan saddet walii qabuun, akkaataa sadarkaa Duukiin ni kaa'u.
Habaaboo fi koffiyaa loltuu galanaarraa Duukii akkasumas goraadee irra godhuun, mana amanticha keessa kaa'u. Diinii Wiindisoorii luba ol aanaan Kaantibaarii nagaa fuudhu.
Namootni kudhan kunneen namoota akka sirnicha irratti argamaniif eeyyamame keessatti hin lakkaa'aman. Galmeen keessumootaa gaafa Kamisaa kan ibsamu taha.
Ilmi mootii Chaarlas gaafa Sanbataa gadda isaa yoo ibsatu, duukiin ''of kennuun, tajaajila ajaa'ibaa'' Giiftiif maatii moototaaf, biyyaaf biyyoota 'Commonwealth' hundaaf waggoota 70 oliif taasise jedhe.
Miseensotni maatii moototaa erga duukiin du'anii Windisooritti Giiftii daawwataniiru. Duukiin Yorki gaafa Sanbataa yoo daawwatu, ilmi mootii Weelsi ammoo gaafa Jimaataa deeman.
Kabajaa duukiif kaleessa gaafa Sanbtaa, dhukaasni Edinbiraa, Kaardiif, Hiilsbooroo,fi Landanitti yoo dhukaafamu, Jibilaartar keessattis akkasuma tahe.
Sirna awwaalchaa dura hanga gaafa Eebla 17tti guyyaan gaddaa saddet kan turu taha.
Maatiin moototaa torban lamaaf gadda irra kan turan taha. Gamoowwan mootummaa UK hunda irraa alaabaan gadi siqee walakkaatti hanga awwaalcha duukii bulee sa'a 8:00 tahutti kan mirmirfamu taha.