Godina Iluu Abbaa Booritti namichi yeroo sadaffaaf nama ajjeese du'aan adabame

Maxxanfame

Jiraataa Godina Iluu Abbaa Boor Aanaa Haluu kan ta'e Girmaa Abarraa yeroo sadaffaaf yakka nama ajjeesuu raawwatee addabbiin du'aa itti murtaa'uu Komishiniin Poolisii Oromiyaa barreeffama Feesbuukii isaarratti maxxanseen beeksise.

Akka Qajeelcha Poolisii Godina Iluu Abbaa Booritti, himatamaan Girmaa Abarraa jedhamu ALI Mudde 24, bara 2013tti Aanaa Haluu Ganda Qonnaan Bulaa Yamboo jedhamu keessatti nama maqaansaanii Obbo Lammaa jedhaman erga ajjeesee booda murtiin du'aa kun irratti darbe.

Himatamaan kun kanaan dura yeroo lama yakka ajjeechaa raawwachuudhaan erga mana hidhaa seenee, booda yeroo lamaanuu hidhaa waggoota muraasaatiin booda dhiifamaan ba'ee akka tureefi erga ba'eellee irra deddeebiin nama ajjeesaa jiraachuusaatiin adabbiin kun akka irratti darbe poolisiin godinichaa himeera.

Akka Qajeelcha Poolisii Godinichaatti, himatamaan kun ALI bara 1999 nama Obbo Masarat Ayyaalaw jedhaman irratti yakka ajjeechaa raawwachuun erga hidhaan waggaa 16 irratti murtaa'ee booda, adabbiisaa osoo hin xumurin waggaa saddeet booda dhiifamaan ba'ee ture.

Isaan boodas akkuma ba'een osoo xiqqoo hin turin bara 2006 Aanaa Aallee Ganda Qonnaan Bulaa Gumaarroo jedhamu keessatti yeroo lammaffaaf nama Obbo Alamuu Raashoo jedhaman irratti yakka ajjeechaa raawwachuun hidhaan waggaa 7 fi ji'a 8 erga irratti murtaa'ee booda walakkaa hidhamee dhiifamaan ba'uu eere qajeelchi poolisii kun.

Yeroo sadaffaaf ammoo himatamaan kun yakka ajjeechaa yeroo sadaffaaf Muddee 24, bara 2013 Obbo Alamuu Gannatii irratti raawwateen qabamee seera jala ooleera.

Dhimma himatamaa Girmaa Abarraa irratti poolisii fi Abbaan Alangaa erga waliin galmee qoratanii booda Abbaan Alangaa qindeessee Mana Murtii Olaanaa Godina Iluu Abbaa Booritti himannaa banee dhaddachi isaa ilaalamaa ture.

Isaan boodas, manni murtiichaas himatamaan seera yakkaa ALI bara 1996 ba'e keewwata 539/1 irra darbuun yakka ajjeechaa gara jabummaan irra deddeebiin raawwachuunsaa erga xiinxalee booda adabbii du'aa itti murteesseera.