Qorattoonni akkamitti dhiphachuun akka harrii namatti baasuufi fala isaa bira ga'an

Maxxanfame

Qorattoonni wanta rifeensi namaa akka addaatu ykn harrii ta'uuf sababiin dhiphina ta'uu bira geenyeerra jechuun harrii dhaabsisuuf mala danda'amu ammoo arganneerra jechaa jiru.

Qorattoonni kunneen qorannoo isaanii kan gaggeessan antuuta irrattidha. Antuutawwan kunneen akka dhiphina cimaa keessa galan taasisuun seeliiwwan halluu gogaafi rifeensaa to'atu irratti miidhaan akka ga'e qorannoo isaanii kanaan adda baafataniiru.

Antuunni bifa gurraacha tokko yaaliin qorannoo kun erga irratti taasifameen booda torban tokko keessatti halluun rifeensa isaa gutummaan guutuutti addiitti jijjiirameera ykn harraa'eera.

Qorannoo kana hayyoonni Ameerikaafi Biraazilii waliin ta'uun kan hojjetan yommuu ta'u, akka bifti rifeensaa hin jijjiiramneefi hin dulloomne qoricha taasisu qopheessuudhaaf odeeffannoowwan barbachisoo akka argame beeksisaniiru.

Qorattoonni kunneen dhiirotas ta'e dubartoonni giddu-galeessaan umuriin isaanii yeroo 30n walakkaa keessa galani booda harr'aauu jalqabu jechuun, kanaaf ammoo akka sababatti kan kaa'an wantota akka ijoollee guddisuu nama dhiphisan ta'u jedhaniiru.

Adeemsi uumammaan dulloomuufi akkaataa itti qacceen sanyii hojjetu humna bifa rifeensaa jijjiiruu qabaatanillee, dhiphinni ofii isaatiinillee dhiibbaa salphaa hin taane akka qabaatu adda baafachuu dubbatu qorattoonni kunneen.

Qorattoonnis haarra'u riifeensaatiin walqabatee, jijjirama qaama guutuu irra ka'uun gara qaama nama dhuunfaa, achinis seeliiwwaniifi adeemsawwan gargaraa qorachuun dhumarratti eddoo itti isaa walitti fidu adda baasuu danda'aniiru.

Daandii qorannoo kunis jijjirama dhiibbaan qaamoolee biraa irratti fidu qorachuun akka fayyadame dubbata.

Waraqaa qorannoo barruu 'Neechar' jedhamurratti maxxanfame kanarrattis qorattoonni yunvarsitoota Saa'oo Pooloo fi Haarvaarrdii babahan keessatti hirmaataniiru.

Qorattoonnis tibba qorannoo kana gaggeessaniitti dhibbannaan haalluu rifeensa hantuutaa irratti jijjirama uumuuf gahee olaanaa qabaachu hubanneera jedhan.

''Ammatti dhiphannaan haalluu rifeensaa irratti jijjirama fiduuf dhiibbaa akka qabaatu sirriitti hubanneera,'' jedhu qorataan Yunvarsitii Haarvaard Pirofessa Yaa Siiyeeh Hisuu.

Yaalicha keessatti hantuunni akka dhukkuubbiin itti dhagahamu wayita taasifamtuutti qaamnshee keemikaala 'adrenalin' jedhamu omisha. Akkasumas onneesaanii saffiisaan rukuutuu eegala, dhiibbaan dhiigasaanii ni dabala, sirni ribuusaanii ni burjaaja'a, akkasumas hantutoonni dhiphannaa olaanaa keessa galu.

Adeemsi kunis seeloonni keemikaala 'melanin' jedhu omishan akka miidhaman taasisa.

''Dhiphanaan qaama keenya irratti dhiibbaa akka qabaatu duraanu ni beekna. Haata'u malee dhiibbaansaa sadarkaa kanaan hanga haalluu rifeensaa jijjiruu ta'a kan tilmaameen ol ta'ee argeera'' jedhan Pirofeesarri kun.

"Guyyoota muraasaan booda seeloonni haalluu rifeensaa to'atan miidhamuun dandamannaa dadhabanii argineera. Seeloonni kunneenis tokkicha badnaan seebii'anii hinguddatan.''

Hojii qorannoo biraatiin ammoo, qorattoonni waan fala ta'u arganneera jechaa jiru. Yaaliicha irrattis erga hantuutoonni akka dhiphataniif taasisaniin booda qoricha dhiibbaa dhiigaatiif ooluu 'Anti hypertensive' jedhamu kennaniifiiru.

Erga qorichi kennameefiin boodas kanneen hinkennaminiif caalaa jijjiramni olaanaan irratti mul'ateera.

Sababii kanaanis hantotoonni qorichichi kennameef haalluun rifeensa isaanii kanneen qorichi hinkennamneef irraa sadarkaa fooyyaa irratti argameera.

Argannoo kanaanis qorattoonni yaalii jijjirama haalluu rifeensaa ittisuuf taasisaniif gumaata olaanaa akka qabuufi karaawwan biraa akka saaqu tilmaamaniiru.

''Argannoowwan kunneenis wallansa haara'uu rifeensaaf miti. Garuu haala yaalii hantuuta irratti raawwanneetti kana booda karaa kamiinu yoo deemne bu'aa qabeessoota akka taanu ragaa olaanaa nuuf kenneera'' jedhan Pirofesar Yaa Siiyeh.

''Kana malees dhiphannaan attamiin akka kutaa qaamoolee biraarra miidhaa qaqabsiisu ragaa nuuf kenna.''