Kooriyaan Kaabaa misaa'eeliin dhkaase kan 'mala haraan qajeelfamu' jette

Maxxanfame

Miisaa'eeloonni Kooriyaan Kaabaa Kamisa kaleessaa yaalte kan 'mala furgugisuu haaraan qajeelfamuudha' jechuun beeksiifte.

Misaa'eeliin Kooriyaa Kaabaa waggaa tokkoo asiitti amma furgugsiite kunis erga Joo Baayidan gara aangootti dhufanii yaalii jalqabaati jedhameera.

Yaalii amma Kooriyaan Kaabaa taasifte kanas Ameerikaa, Jaappaan fi Kooriyaa Kibbaa balaaleeffataniiru.

Waliigaltee Mana Maree Nagaa Motummoota Gamtomanii jalatti Kooriyaa Kaabaa misaa'eeloota dhohuun miidhaa geesisan akka hin yaalleef qoqophaan irra kaa'amee ture.

Dubbi Himaan Waajjira Dhimmoota Alaa Ameerikaa ''Yaaliin kunis waliigalteewwan motummoota gamtoomanii hedduu kan cabsee, nageenyaa naannichaafi kan hawaasaa addunyaa bal'aa balaa irratti kufiseedha'' jedhan.

Kooriyaan Kaabaas ibsa Jimaata har'aa baafteen, misaa'eeloonni amma furgugsiite lamaan kan eddoowwan kiyyeeffannaa qarqara galaanaa Kooriyaa Kaabaa irraa fageenya kilometira 600 irratti argaman haleeluu danda'aniidha jette.

Jaappaan ammoo haala fallaa ibsa Kooriyaa Kaabaa kanaatiin misaa'eeloonni dhukaafaman kunneen kan fageenya kilomeetira 400 qofaa furgugfamu danda'aniidha jette.

Qondaalaa waranaa olaanaa biyyattii kan ta'aniifi kan yaalii kana itti dhiheenyaan hordofaa turan Rii Piyoong Chool ''abbaa qabeenyaa meeshaa kanaa ta'uun humna waraanaa biyyatiitiif dandeettii olaanaa ta'usaatiin alatti, haleellaa waraanaa biyyattii irratti agaamamuu malu kamuu gahuumsaan ittisuu ni dandeessisa,'' jechuun isaanii ibsichaan eerameera.

Haata'u malee pirezidaantiin biyyatti Kiim Joong Un wayita yaaliin taasifamuutti hin argamne.

Akka Piiyoongiyaangiitti misaa'eeliin haaraan kun fiixee niikulaaraa tonii 2.5 ulfaatu baachuun furgugiisuu ni danda'a.

Kooriyaan Kaabaa misaa'eel attamii akka furgugsiite ilaalchisee ragaan qabatamaan argamu baatulleen, bara aangoo pirezidaanti Doonaald Tiraampiitti meeshaalee nikulaaraa qabdu akka buuftuuf erga marii eegalteen booda damee kanaan cimsite itti fufuu ishee oggeessoonni ni dubbatu.

Qaamooleen dhimmicha itti dhiyeenyaan hordofan akka jedhanittis tarii misaa'eelli amma Kooriyaan Kaabaa dhokaafte kun kan baatii Onkololeessaa keessa agarsiisa waraana irratti mul'isan waliin kan walfakaatudha jedhu.

Kun dhugaa taanaan ammoo misaa'eelli kana dura yaaltee turte KN-23n fooyyeeffamuun akka fiixee nikulaaraa olaanaa baatu taasifamee hojjatameera jechuudha jechuun ture oggeessi damee kanaa Jeefarii Leewiis kan madda oduu Rooyitarsiitti himan.

Misaa'eeliin dandeettii fiixee dhokaasa ulfaataa baachu danda'u kunis, biyyattiin rookeetoota isheetiin nikulara akka furgigsiituuf akka dandeessisu qorataa nageenya MIT kan ta'an pirofeessar Viipiin Naaraangi fuula tiwiitara isaanii irratti barreesaniiru.

Fiixee nikulaaraa xiqqaa omishuun baayyee ulfaataa akka ta'e oggeessoon himan illeen Kooriyaa Kaabaa garuu durumaanu dandeettii kana qabdi ture.

Kooriyaan Kaabaa yeroo dhumaatiif misaa'eela baalestiikii kan furgugsite tibba pirezidaanti Doonaald Tiraamp waliin waliigaltee hin qabne waggaa tokkoon dura ture.

Bulchiinsi Joo Baayidan yaaliin Kooriyaa Kaabaa waliin walitti dhufeenya dippilomaasii ummachuuf taasisee bu'aa qabeessa akka hinturre beeksiiseera.

Kooriyaan Kaabaa Joo Baayidan gara aangootti dhufuu ilaalchiisee wanti jette kan hin jirre yoo ta'u, biyyoonni lamaanu ammalleen sagantaa meesha nikulaaraa Kooriyaan Kaabaa qabdu irratti akkuma waldhabaniitti jiru.