Dr Masfin Shimallis: Dargaggeessa hojjataa guyyaa irraa ka'e hakiima ta'e

Maxxanfame

Jireenya keessatti namni hin qoramne hin jiru. Qormaata kana dandamatanii obsaan kan keessa darban garuu muraasadha. Dr Masfin Shimallis namoota jajjaboo akkanaa keessa isa tokkodha.

Masfin maatii isaaf ijoollee saddeet keessaa isa shanaffaadha. Lamaan isaani haadha tokkorraa yoo ta'an kan hafan ammoo haadha biraa irraa dhalatani.

Maatiichi kan bulu loltuu Dargii kan turan abbaan isaanii galii isaan fidaniin ture.

Obbo Shimallis Kaampii Kibbaa keessa yeroo turanitti baruumsa wayyaa hodhuu barataniin hojachaa turani.

Kana jidduutti yeroo dhukkubsatan, Masfin barataa kutaa 4ffaa ture.

Dhukkubni Obbo Shimallis kan sammuu waliin wal qabate waan tureef hojii isaanii itti fufuu hin dandeenye.

Lubbuu isaanii oolchuuf gara ji'oottan ja'aaf maatiin hundi hojjachaa, karaa wal'aansaan, amantaanis ta'e aadaan wanti yaalame hundi hin milkaa'iin hafe. Maatinis rakkoo keessatti kufani.

Hundi isaanii gama danda'aniin mana isaani sirreeffachuuf sosocho'uu eegalani.

Abbaa warraa isaanii waliin wal hiikanii badiyyaa jiraachaa kan turan harmeen Masfin, ijoollee isaanii barsiifachuuf gara Dasseetti deebi'anii hojjattuu manaa ta'anii qacaramanii hojjachuu eegalani.

Kaan waan beekaniin hojii harkaa hojjachuu eegalani. Obboleessi isaa hangafaa buttaagaazii suphee gurguruu eegale. Harmeen isaan guddistus hojii hodhaa wayyaa abbaan isaanii dhiisee deebiste eegalte. Ta'us garuu oggummaa isaa waan hin qabniif ni kaasarte.

Yeroo kanatti obboleessi isaa hangafaa barumsa isaa addaan kutuuf dirqame. Ilmi inni hangafaa wayyaa uffatame gurguruu eegale. Inni tokko immoo mana hojii sibiilaa seene.

Masfinis akkuma maatii isaa hojii hin filanne.

Barataa kutaa afraffaa ta'ee utuu jiru, humna ijoollummaan hojii sibiilaa eegale. Haala kana keessatti obboleessi isaa barumsa itti fufuu dadhabus, Masfin garuu guyyaa walakkaa garaajii keessa hojjechaa guyyaa walakkaa ammoo barnoota isaa itti fufe.

Ta'us innis barumsa isaa kan barachaa ture addaan kutuurra kan hin hanqanne ture. Ji'a tokko yoo barate ji'a tokkoof ammoo kutaa hin seenu ture.

Akkanaan jireenya itti fufe.

Obboleessi isaa galgala galgala suphee kan hin fixne maandajaa kasalaa fi buttaagaazii moofaa, Masfin ganamaan ka'e suphee xumuree, gurguree, maallaqaa isaa obboleessa isaatti kennee achumaan gara mana barnootaa deema.

Nannoosaatti Masfin akka nama qaxalee fi cimaatti ilaalama. Namootni hedduu eegeree isaa irratti abdii qabu turani. Masfin "Gaash Mohammed" jedhee namni waamun tokko guddaa akka isa jajjabeessaa turan ni yaadata.

"Bona keessa waanan hojjedhe fudhee deeme yeroon itti gurguru natti dheekkamu turani. 'Ganna keessa hojjachuu qabda' jechuun xiqqoollee yoo taatee maallaqa naaf kennuu turani," jedha.

"Ati hakiima taata" jedhuun turani.

Hiriyyoota isaa waliin hojjatan keessaa barumsaan kan isaa waliin fufan jiraachuu baatanis, hanga dandeettii isaanitti garuu isa ni gargaaru turani.

Harmeen isaas mana namaa keessa hojjachaa maallaqa argataniin dabtarii fi yuniformiin mana barumsa akka itti hin hanqanne taasisaniiru.

'Harmeenkoo akka ijoollee "koottu" jedhamaa yeroo ergamtu ilaaluun na dhukkubsa ture'

Masfin dhalatee kan guddate magaalaa Dassee naannoo Imbirtii Araadaa jedhamutti.

Barumsa isaa sadarkaa tokkoffaa Mana barnootaa Manbar Tsahaayitti, sadarkaa lammaaffaa ammoo Nigus Mikaa'elitti baratee, barumsa qophaa'inaa isaa ammoo mana barumsaa Hoxeetti barate.

Baratee rakkoo maatii isaa furuun hawwii isaa ture. Qormaata jireenya isaatti isa mudate geeddaruu barbaada ture.

Abbaansaa rakkoo fayyaa sammuu isaan mudateen, namoonni ''abbaansaa maraataadha'' jecha jedhan jijjiiruu barbaada ture.

Oggaa harmeesaa gaafachuuf deemuttis; akka ijoolleetti 'as koottu' jedhamaa asiifi achi ergamaa wayita ilaalu isaaf dhukkubbii ture.

Kana geeddaruuf ammoo filannoo tokkochi inni qabu barumsa ture.

Haala kanaan qormaata kutaa saddeettaffaa qabxii 99 fiduun kutaa itti aanutti darbe. Kutaa 9ffaa fi 10ffaattis kutaa isaa keessaas mana baruumsaa guutuu irraas tokkoffaa ba'uun xumure.

Akka inni jedhutti mana baruumsa inni itti qormaata biyyaleessa kurnaaffaa itti qorame keessatti barataan barnoota hundaan 'A' argate isa ture.

Ta'us garuu kurta 11ffaatti seemisteera jalqabaa irratti lammaffaa yeroo ba'u, adeemsa kanaan baruumsa ogummaa fayyaa argachuu dhiisuun danda'a shakkii jedhu itti uume. Kutaa 12ffaatti addaan kute, seeraan of qopheessee qormaata qorame.

Yeroo kanattis qabxii olaanaa jedhamu 546 argachuun barumsa ogummaa fayyaa barachuuf Yunivarsitii Gondar seene.

Jireenya Yunivarsiitii...

Barnootni hakiimummaa boqonnaa hinqabu. Baasii hedduus qaba. Kana guutuuf yeroo boqonnaasaatti gara maatii deemuun buttaagaazii fi maandajaa kasalaa moofaa suphuutti deebiya.

Achiis hojii suphaa kanaan maallaqa qusateen, wantoota barnootaaf isa barbaachisan guuttata.

Wayita kanatti Maatiinsaa bicuus taatu isa gargaaru turan. Tahus garuu of gargaaruun waan isarra turef, hojjechuurraa boodatti hin deebi'u.

Wayita barataa waggaa sadaffaa turetti, ogummaa sibilaan hojii guyyaa mooraa keessatti hojjeteera.

Qormaati isa mudate kan maallaqaa qofa hin turre, kan hamilees ture.

Yunivarsiitiin jaarmiyaa barattoonni sadarkaa diinagdee garagaraa irra jiran bakka itti baratanidha. Tokko tokko hojii guyya guyyaa hojjetee barata. Gama biraatin ammoo kanneen hoteelarraa nyaachaafi bulaa baratanis jiru.

Kuni kanneen rakkoo keessa taa'anii barataniif dhiibbaan inni xiinsamuurratti qabu salphaa miti. Kana dandamachuuf cimina sammuu biraa gaafata.

Masfin ''Harmeen koo Finfinneetti maatii biratti qacaramtee hojjettu, ijjooleensaanii ana waliin barata ture,'' jedha. Finfinneerraa oggaa dhufus nyaata fideefii dhufa ture.

''Itti dhagahama jedheetu taha natti fakkaata, yeroo hedduu wal hinagarru. Gaafa waanti tahe naaf ergamu natti kenne deebiya ture.''

Dr Masfin barnoota hakiimummaa kan xumure qabxii 3.34 galmeessisuun ture.

''Gaafa guyyaa eebba kootii abbaan koo booyaa oole; waan sana hunda dabarsuu kootti gammadoodha,'' jedha.

Abjuu Dr Masfin...

Dr. Masfin dirree gadameessaafi ulfaan ogummaasaa guddisuu fedha.

Fayyaa sammuu abbaasaa wajjin walqabatee, fayyaa sammuu barachuu barbaada ture. Yaadni isaa kun kan jijjiirame shaakala hojiif erga bahe boodadha. Kanaafis sababa lama kaasa.

''Ogummaan kun dhiiga wajjin walqabata. Bu'aansaa garuu gammachuu namaa kenna. Shaakalaaf ganna tokko wayitan hojjechaa turetti, gammadeen hojjedha ture,'' jedha Dr Masfin.

Sababnisaa inni dhibiin ammoo, haadholii yaalii fayyaa argachuuf Kamiseefi Affaar irraa gara magaalaa Dassee dhufan arguuni. Naannolee kanatti haadholiin dhaqna qabaaf kan saaxilaman waan tahaniif, yeroo dahumsaatti guddoo rakkatu. Kanaafis ogummaa isaatiin rakkoosaanii hir'isuuf kaayyeeffachuun jechadha.

'Dhukkubsataan hakiima barbaada; hakiimni ammoo hojii barbaada...'

Dr Masfin erga eebbifame ji'ootni ya dabran. Ogummaa bu'aa itti dabarse wajjin garuu wal hin agarre. Hojii barbaachatti jira.

''Amma dura Ministeerri Fayyaa Hakiima Waliigalaa [hojiitti] ramada ture. Amma garuu 'bajata hinqabnu' jechuun ramaddii dhaabaniiru,'' jedha Dr Masfin.

Ofiisaatiinis hojii barbaadeera. Kombolchaa Qajeelcha Maatii keessa tolaan tajaajila.

Obbolootasaa wajjin tahuun manaa manarra deemuun, hojii kunuunsa fayyaa laachuu jalqabuuf socho'aa jira. Tahus garuu heeyyama baafachuuf yoo xiqqaate muuxannoon hojii ganna lamaa si barbaachisa jedhamuusaa hima.

''Yunivarsiitii nuti baranne keessa hakiimni sun hundi otoo jiruu, guyyaatti dhukkubsattoota 30 argina turre. Dhukkubsataan kun hundi otoo jiruu, bajataaf jecha hakiima ramaduu hin dandeenyu jechuun nama dhiba. Bu'aa bayii sana hunda dabarsanii, hojii argachuu dadhabuun nama dhukkubsa,'' jedha.

''Gara biyyoota ollaatti deemanii hojjechuun ni dandayama, tahus garuu sirna amma jiruun kunis hin danda'amu,'' jechuun yaaddoo keessa akka jiru hima.

Akka Dr Masfin jedhutti, akkuma yeroon dheerachaa adeemu, ogummaas irraanfachuutu dhufa. Ofiis beekumsa haarayaan kan gabbisuun dandayamu hojiirra ta'anii 'keezii' argamuuni jedha.

''Abdiin maatii gaafa dukkanaa'u arguun; ganna sana guutuu dhama'anii, akkasumas qabeenyi biyyaa dhangala'ee, dhukkubsataan hakiima barbaadaa, hakiimni ammoo hojii barbaadaa, waljala darbuun hedduu ulfaata,'' jedha.