Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Biliyeenarrii Jaappaan namoota 8 bilisaan Adeessatti baasuuf affeere
Dureessii lammii Jaappaan Yusaku Mizawa miseensota hawaasaa keessaa namootni saddeet xiyyaara hawaa Elon Mask Ispees X jedhamtuun akka gara Addeessaatti imalan affeere.
Toora Tiwitarasaatii gubbatti ''namni kamuu imala kanatti dabalamuu ni danda’a'' jechuun hidha(link) namoonni itti galmaa’u danda’an qoode.
Yusaku Mizawa, namoota gara Addeessaatti imalaniif kaffaltii barbaachisu hunda nan kaffala, namoonni Xiyyaara samii kana koran tolaan balali’u jedheera.
Ergamni imala gara Addeessaa kun maqaa ‘dearMoon’ jedhu kan qabu wayita ta’u, bara 2023tti balali’uuf karoorfameera.
Namoonni galma’aan ulaagaalee lama guutuu qabu: namoota ‘’hojii kamiyyuu’’ haa ta’u kaayyeeffatanii ‘’namoota biroo fi hawaasa amma ta’e gargaraan’’ta’u qabu.
Kana malees, ‘Miseensota balalii kanatti dabalamu nama biraa hawwii isaan walfakkaatu qabu deeggaruutu irraa eegama’’jedha.
‘’Teessoo hundumaa biteera, kanaafuu geejjiba dhuunfaa ta’uf jira’’ jechuun itti dabalee dubbate.
Aab Mizawaan nama indastirii faashiinii kessatti beekama fi hojiiwwan aartii funaanuu wayita ta’u, kanaan dura aartistootni rokkeettii Istaarship jedhamuun akka imalan affeeruuf karoorsee ture.
Haa ta’u malee, garaa boodaarra ‘’sagatichatti namoonni addunyaa keenyarra jiraatan kamiifu carraa imala kanatti dabalamuu kenneera’’ jedhe.
‘’ Yoo akka aartistiitti of lakkoofta ta’e, ati aartistuma’’jedhe.
Bara darbe dokimeentarii hiriyaa durbaa wajjin imaluun barbaada jedhu erga jalqabee booda’’miira walmakaa uume’’jedhee haqeera.
Bara 2018 Aab Mizawaan nama geejjiba dhuunfaa Ispees X dhaan yeroo jalqabaaf gara Addeessaatti imaluufi jedhame himamaa ture.
Gatiin Aab Mizawaan tikkeetti tokko tokkosaatiif kaffaluuf irratti waliigale hin ibsamne, garuu akka Aab Elon Mask jedhutti ‘’maallaqa hedduudha’’.
Imalli gara ji’aa(Addeessaa) bara 2023tti karoorfame kun imala bara 1972 yeroo jalqabaaf dhalli nama Addeessaa qubachuuf imaleen asitti kun kan ergama jalqabaa ta’uuf jira.