Badhaadhinni biliyeenarootaa weerara koronaavaayirasii hammaate keessa harka 27 guddate

Maxxanfame

Weerara koronaavaayirasii hammaate keessatti hojii gaggeessitoonni kaampanota teekinolojii fi indastirii maallaqa doolara Ameerikaa biliyoonatti lakkaa’amu horatan soorummaan isaanii yeroo kamiyyuu caalaa guddateef.

Sooreyyiin addunyaa badhaadhinni isaanii harka 27.5 dabaleera, Ji’a Eblaa fi Adoolessa giddutti badhaadhinni isaanii doolaara Ameerikaa tiriliyoona 10.2 tti guddateera jedhe baankiin Siwis UBS jedhamu.

Kunis xumura bara 2017 kan doolara Ameerikaa tiriliyoona 8.9 ture irra gatiin qooda idila addunyaa/ global share dabaluusaatiin walqabata.

Baankichi dureeyyii biliyeenarooonni muddama Covid uume keessallee hedduu badhaadhaniiru jedhe.

Lakkoofsi dureeyyii doolaara biliyoonatti lakka’amu horatanii bara 2017 keessa 2,158 ture gara 2,189tti dabaleera.

Yeroo Baankiin Addunyaa hiyyummaan garmalee hamtuun waggoota 20 asitti yeroo duraaf sababa weerara dhibeetiin dabaluu gabaasetti waa’een soorummaa dureeyyii kun dhaga’ame.

Tujaarotni maddi qabeeenyisaanii indaastirii irratti xiyyeeffatu ji’a sadii keessatti badhaadhina isaanii harka 44’n dabalameef.

Baaankiin UBS akka ibsutti, warreen warshaalee/indastirii uggura sochii addunyaarratti kaafamnaan halaa gita hin qabneen bu’aa argataniiru jedhe.

Biliyenaroonni kaampanii teekinolojiirratti xiyyeeffataniis sooromni isaanii harka 41’n guddateef .

UBS akka jedhutti, namoonni sababa weerara dhibeetiin addaan hiiquun biizinasii dijitaalaa suuta guddachuurra ture ji’oota muraasa keessatti saffisiisuu ibseera.

Kana malees biliyeenaroonni tajaajila eegumsa fayyaarratti bobba’aniis bu’aa argataniiru.

Muddamni weerarri dhibee uume kanneen kaampanota dawaa fi meeshalee wal’aansaa oomishaniif bu’aa buuse.

Biliyeenaroonni Jeef Bezos fi hundeessaa Tesla Elon Mask sooromummaan isaanii yeroo kamiyyuu caalaa dabaleera.

Jijjirama addunyaarratti uumame

Waggoota 11 darban keessatti biliyeenaroonni Chaayinaa badhaadhinasaanii harka guddaan dabale.

Bara 2009- 2020tti 1,146% ol guddifataniiru.

Yeroo wal fakkaataatti, soorummaan dureeyyiin Biritiish 168% dabaleera.

Haata’u malee, kuufamni badhaadhinaa Ameerikaatti baayyate.

Biliyeenaroonni Ameerikaa doolara tiriliyoona 3.5 kuufataniiru.

Kan dureeyyii Chaayinaa doolara tiriliyoona 1.7 qaqqabeera.

Arjooma

Baankiin Siwis akka jedhutti dureeyyin hedduun weerara dhibee to’achuurratti maallaqa arjoomaniiru.

Dureeyyiin 209 Bitootessa bara 2020 kaasanii amma Waxabajjiitti doolara biliyoona 7.2 ifatti arjoomuuf waadaa seenaniiru.

Dureeyyiin UK garuu dureeyyii biyyoota biroo wajjin wayita madaalaman maallaqa xiqqaa arjooman,biliyeenaroonni sagal doolara Ameerikaa mil 298 arjooman.

Dureeyyin Ameerikaa 98 immoo $ biliyoona 4.5 arjooman.

Kan Chaayiinaa lakkoofsi 12 ta’animmoo doolara mil 679 arrjooman. Awustiraaliyaatti tujaaronni lama doolara mil 324 arjoomuun ibsameera.