Maatii Moototaa: Ilmi Mootiichaa Filiip 'guyyoota baay'eef' hospitaala turu jedhame

Maxxanfame

Ilmi Mootichaa Filiip (Duuk Edenbiraah) dhukkubsatanii wallaansaaf hospitaala kan jiran yoo ta'u, guyyoota baay'eef hospitaala akka turan Masaraan Mootummaa Baakiingihaam beeksise.

Maanguddoo umuriin isaanii ganna 99 ta'e Ilmi Mootichaa Filiip, torban tokko dura rakkoon fayyaa isaan mudateef wallaansaaf hospitaala magaalaa Landan jiru Hospitaala Ediwaard Torbaffaa geeffamanii turan.

Masaraan Mootummaa Baakiingihaam akka beeksisetti Duuk Edenbiraah kun wallaansa isaaniif taasifamaa jirurraan kan ka'een fooyya'aa jiraachuu ibseera.

Ilmi Mootichaa Filiippiifi haati warraasaanii Giifti Elizaabeet ji'a darbe keessa talaallii Covid-19 fudhataniiru. Ilmi Mootichaas dhibamanii kan hospitaala seenan rakkoo fayyaa Covid-19 waliin kan walqabatu miti jedhameera.

Haati warraafi abbaan warraa maatii mootii kun turtii gaa'ela isaanii waggaa 73ffaa Sadaasa darbe kan kabajan yoo ta'u, sababii dhorkaa ittisa koronaavaayirasiif jecha kaa'amee jiruun jireenya isaanii Masaraa Mootummaa Wiindisar keessa taasisaniiru.

Maddi Masaraa Mootummaa Baakiingihaam BBCtti akka himanitti, Ilmi Mootichaa Filiip torban darbe gara hospitaala Meriileeboonitti argamuu kan deeman miilla isaaniin deemanii osoo gargaarsi tokko isaan hin barbaachisiin ture.

Ilmi Ilma Mootichaa Ediwaard, abbaan isaa fooyyaa'aa jiraachuu Iskaay Niwuusitti himeera.

Ilmi Mootichaa akka fayyaniif hawwiin gaariin namoota hedduu biraa akka isaan qaqqabe himuun namoota hawwii fayyinaa isaaniif ergan guddaa galateeffataniiru.

Ministirri Muummee Booriis Joonsan ammoo hospitaala kan jiran Ilma Mootichaa Filiipiin, "Akka fayyitaniif hawwii gaariin qaba" jechuun ergaa dabarsaniiru.