Kantiibaan Faransaay barattootaaf mana barumsaatti foon akka hin dhihaanne dhowwuun dubbii kaase

Maxxanfame

Mootummaan Faransaay kantiibaa magaalaa Liyoon manneen nyaataa manneen barnootaa argamanitti laaqanarratti foon barattootaaf akka hin dhihaannef dhorkan qeeqe.

Kantiibaan magaalichaa Girigorii Duuset miseensa paartii Giriin ta'an yero dubbatan wanti murtaa'e yeroo uggurri koronaavaayirasii jiru kanatti tajaajilli nyaataa akka saffisu taasisa jedhu.

Mootummaan garuu fayyaa barattootaa balaarra buustani jechuun qeeqe.

''Mee akka sirriitti guddataniif waan isaan barbaadan haa kenninuuf,'' jechuun Ministeerri Qonnaa biyyattii Juliyeen Denormaandii tiwiitara gubbaa barreessan.

Dabalataan, ilaalcha siyaasaa soorata barattootaaf dhihaatutti fiduu hin qabnu jedhan.

Ministeerri dhimma keessaa Gerlaad Daarmaanin immoo murteen kantiibichaa qonnaan bultoota Faransaayiifi manneen fooniif ''arrabsoodha'' jedhan.

''Imaammati dhaadhessitoota paartii Giriin ummata gara caalu akka ofitti hin qabne ilaalu dandeenya. Barattoonni hedduu mana barumsaatti foon argatu,'' jechuun himan.

Kantiibichi garuu kantiibaan isaan dura turellee bara darbe yeroo weerarri Covid-19 eegale wanta akkanaa hojiirra oolchuu ibsan. Yeroo muraasaaf qofas tura jedhan.

Dabalataan, qurxummiifi hanqaaquun barattootaaf dhihaataa jiru jechuun ibsan.

Ekispartoonni waa'ee soorataa qoratan sooranni biqiltootarraa qophaa'u barattootaaf gaarii ta'u himu garuu hunda galeessaafi madaalawaa ta'u isaa hordofuun barbaachisa jedhu.