Raappariin Ispeen Paablo Haasel hidhaa baqachuun yunivarsiitii keessa of dhokse

Madda suuraa, AFP
Raappariin Ispeen ergaa tiwiitara gubbaa dabarseefi mootummaa gonfoofi poolisii biyyattii walleen maqaa balleesse hidhaa baqachuuf yunivarsiitii keessatti of dhokse.
Paablo Haasel hanga gaafa Jimaataatti akka harka kennu itti himamus, inni garuu yunivarsiitii Kaataalaan keessa dhokachuu filateera.
Manni murtii weellisaan kuni shororkeessummaa jajjabeesseera akkasumas bulchiinsa mootummaa gonfoofi jaarmiyaalee biyyattii maqaa xureesseera jechuun hidhaa ji'a sagal itti muree ture.
Haa ta'u malee weellisichi deeggartoota isaa waliin Yunivarsiitii Lleida keessa akka jiru ibsuun ''ana qabanii hidhuuf cabsanii seenuu qabu,'' jechuun tiwiitara gubbaa barreesse.
Yunivarsiitiin kuni magaalaa Baarselonaa irraa 150km fagaatee argama. Weellisaan kuni deeggartoota isaa 20 ta'an waliin jira.
Dubbiin kuni erga dhagahamee booda artistoonni 200 ol kanneen beekamoo ta'an dabalatee hidhaa isaa mormuun sagalee walitti qabaniiru.

Madda suuraa, Getty Images
Mootummaan Ispeen gama aartii yookiin aadaadhaan ''yakka of ibsuu'' raawwateen walqabatee adabbii xiqqeessuuf yaada qaba.
Maqaan sirrii weellisaa kanaa Paablo Rivaadullaa Duuro dha. Kaataalaan Ispeen irraa akka fottoqxu kanneen deeggaran keessaati.
Kana durallee raappariin biraa Valtònyc jedhamu Ispeen keessa waggaa sadiifi walakkaaf erga hidhamee booda Beeljiyeemitti baqate.
Ajajni mana murtii yoo raawwate Paablo Haasel booda kana kanneen mana hidhaatti darbaman keessaa kan maqaa guddaa qabu ta'a jedha rippoortarri BBC Maadrid jiru Jeemis Baadkook.














