Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dubartii reeffa haadhashee waggaa 10f firiijii keessa keesse poolisiin to'ate
Poolisiin Jaappaan dubartii reeffa haadhashee firiijii keessa waggaa 10'f keeesse to’annoo jala oolcheera.
Yuumii Yooshinoo nama ganna 48 yoo taatu ‘’haati koo duutee manatti argannaan ‘’mana waliin jiraachaa turre keessaa akka hin baaneef gatiin barbaadeefi,’’ jetti.
Reefa firiijii keessatti cabbaa’ee kanarratti madaan ykn miidhamni hin argamne jedhe poolisiin.
Haa tahu malee haati kun sababa maaliin akka duute adda baasuu hin dandeenye jedhan qondaaloti.
Yooshinoon mana keessa jiraattu kiraa kaffaluu didde jennaan yoo ari’amtu nama mana qulqulleesutu reeffa kana arge.
Reeffi kuni akka firiijii keessa taa’uutti dadachaafamee ture jedhe poolisiin.
Yooshinoon hoteela naannoo Tookiyoo magaalaa, Chibaa jedhamu keessatti gaafa Jimaataa qabamte