Dargaggeessi ganna 16 masjiida haleeluuf karoorsaa ture to’atame

Maxxanfame

Dargaggeessi ganna 16 lammii Singaapoor gaafa guyyaa yaadannoo haleellaa masjiidota Christchurch,Musliimota masjiida lama keessatti ajjeesuuf korachaa ture qabameera.

Niiwziilaand, Christchurch’tti haleellaa nama raawwate Bireentan Taaraantiin, kaka’uudhaan namoota haaduudhaan waraanuufi haleellaasaa immoo kallattin viidiiyoodhaan dabarsuuf ture.

Seera Nageenyaa Biyya keessaan mana murtiitti otoo hin dhiyaatiin hidhamuun nama umuriidhaan isa xiqqoo taheera.

Haleellaan Christchurch seenaa Niiwziilaand keessatti isa hamaa dha jedhameera.

Kanaanis dhukaasa Taaraant bara 2019 masjiidota lamarratti baneen namoonni 51 tahan yoo du’an, innis hidhaan umrii guutuu itti murameera.

Dargaggeessi Singaapoor kuni amantii pirooteestaantii kan hordofuufi sanyii Hindii qabu dha.

‘’Islaamummaa ilaalchisee jibba jabaa kan qabu yoo tahu hokkoratti nama amanu dha,’’ jechuun kan ibse ministeera dhimma keessoo biyyattiiti.

Ministeerichi ‘’nama kana dura haleellaa masjiida Christchurch’tti raawwateen akka kaka’e ifaadha. Haleellaa kana Bitootessa 15 guyyaa yaadannoo haleellaa duraanii irratti raawwachuuf karoorfate,’’ jedheera

Dargaggeessichi Singaapooritti qawwee bitachuun waan ulfaatuuf haaduu fayyadamuuf murteesse malee akkuma nama isa duraanii haleellaa raawwatee sanaati kan karoorsee ture.

Ministeerichi dargaggeessi kun waan lama ture kaninni yaade jedha, tokko, otoo haleellicha hin raawwatiin qabamuu yookiin raawwatee booda poolisiin ajjeefamuu.

‘’Akka du’u bareeti, of qopheessee jalqabe,’’ jedhan ministirri dhimma keessoo K Shaanmuugaam yeroo miidiyaaleeetti himan.

Karoora isaa kana keessatti nama biraa dabaluudhaaf yaaliin taasise jiraachuuf ‘mallattoo’ hin arganne jedhan.