Ballaxach Dheeressaa dubartii Oromoo jalqabaa PhD argataniidhaa?
Maxxanfame
Ballaxach Dheeressaa jedhamu, biyyaa erga bahanii Ameerikaa jiraachuu jalqabanii waggaa 40 darbeera. Biyyoota 73 keessa naanna'uun hojiilee deeggarsa namoomaa, barsiisuu fi dhimma haqaa irratti hojjetaa turan, amma soorama bahanii boqonnaarra jiru.
Seenaa isaanii magaalaa lixa Oromiyaarraa ka'ee biyyoota addunyaa waliin gahe nuu qoodaniiru.