Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Maarki Laawuroon deeggaraa Maanchister Siitii fi taphataa meeshaa muuziqaa baandii Kasiyaa waliin tapha har'aa tilmaameera
Bara dorgommii kanatti kilabootni saddeet wal harkaa fudhachuun Piriimer Liigii dursaa turan. Tarii boru Maanchister Siitiin Astoon Viillaa waliin taphatee kilaba saglaffaa liigicha dursu tahuu malaa?
Waancaa bara kanaa mo'achuun haalaan cimaa tahuu mala. Torbanuma kana keessa kilabootni afur wal harkaa fuudhanii liigicha dursaniiru. Bara 2020-21 kanatti garee Peep Gaardiyoolaa qofatu hanga ammaatti hin dursine. Tarii kunis boru dhugoomuu mala.
''Dhiyootti yookaan bubbulee Maanchister Siitiin liigicha inuma dursa,'' jedhe xiinxalaan kubba miilaa BBC Mark Lawuroon.
''Akka kootti Maan Siitiin liigichi waan mo'atu natti fakkaata. Haala gaariin taphachaa jiru, ' jedhe.
Laawuroon taphoota Piriimer Liigii hundaa kan tilmaamu yoo tahu torban kana ammoo deeggaraa Man Siitii fi meeshaa baandii muuziqaa Kasiyaa jedhamuuf taphatu Koteriil waliin tilmaame.
Dilbata galgala Man Siitiin yeroo Kiristaal Paalaas mo'atu ilaalaa turre. Gara gahumsa keenyaatti waan deebine fakkanna,'' jedhe Koteriil. ''Yoo gahumsa kana itti fufsiifne waancaan baranaa gara Man Siitii dhufuu isaati.''
Koteriil akkuma abbaa isaa deeggaraa Maanchister Siitiiti. Obbolaan isaa hngafaa garuu Arsenaalii fi Maanchister Yuunaayitid deeggaru.
Yeroon ijoollee ture obboleessikoo hangafaa Aleeksi jedhamu deeggaraa Man Yuunaayitid waan taheef tilmaama guddaa kennaafii ture. Erga yeroo dhiyoon as garuu Aleeksi calliseera. Amma erga Yuunaayitid gara sadarkaa 1ffaatti dhefee innis walumaan deebi'eera jedhe Koteeril.
Koteriil bara darbe Jarman keessatti muuziqaa waraabaa turus tapha Man Siitii garuu inuma ilaala ture. Yoo deeggartootni deebi'an anis gara Itihaadittan deebi'a jedheen yaada jedhe.
Itti dabaluun deeggartootni dirree istaadiyeemii keessaa dhibamuun akka taphattoota miidhes hima.
Tilmaama Laawroo
Kibxata
Maarki Lawuroon tapha har'a gaggeeffamu yoo tilmaamu
West Biroom leenjisaa haaraa argatan Sam Alaardaayis jalatti fooyya'aa jiru. Garuu gareen Deevid Moyes itti cima jedha Laawuroon.
West Haam 2 v 0 West Biroom (18:00 GMT)
Lestar Siitii v Chelsii (20:15 GMT)
Lestar yoo tapha kana mo'ate erga Sadaasa 20'n as yeroo jalqabaaf dursaa liigichaa taha. Kun yoo Chelsii mo'achuu danda'edha.
Lestar dirree isaanii irratti barana gahumsa guddaa hin agarsiifne. Jaamii Vaardiinis taphicha irratti hirmaachuun isaa shakkisiisaadha.
Chelsiinis akkasuma gahumsa guddaa irra jiraachuu baatus torban darbe tapha murteessaa Fuulham waliin taasise mo'ateera.
Kilabootni xixiqqaan akka West Haam, Aston Villaa fi Fuulhaam dirree Lestar Siitii irratti isaan mo'ataniiru.
Kanaaf Cheelsiinis kanuma dabala jedheen eega jedhe Laawuroon.
Tilmaama Lesister 0 -2 Cheelsii
Roobii
Man Siitii 3 - 0 Aston Viillaa (18:00 GMT)
Laawuroon gareen Pep Gaardiyoolaa tapha kana mo'achuun liigicha dursa jedhe. Aston Viillaan sababa Covid-19'n waggaa haaraa kana keessa hin taphanne. Kun ammoo gahumsa taphattootaaf gaariii miti jedhe.
Fuulham 0- 2 Maan Yuunaayitid (18:00 GMT)
Fuulham taphataa tokko kaardii diimaan dhabuun Cheelsiidhaan mo'amuun isaanii carraa dhabeeyyii isaan taasiseera.
Taphicha osoo qixa bahan tahe yeroo 6ffaaf walitti aansuun qixa bahuu isaaniiti ture.
Yuunaayitid torban xumurame irra Liiverpuul waliin qixa bahuun isaa leenjisaa Ole Gunar Soolshayer baay'ee gammachiisuu baatus amma tapha kana mo'achuuf taphatu jedheen yaada jedhe Laawuroon.
Man Siitii fi Lesister dursanii taphatanii yoo dursummaa harkaa fudhataniyyuu tapha kana mo'achuun 1ffaatti deebi'a jedhe.