Feesbuuk akkaawuntiiwwan dhaaba Museveenii waliin hidhata qaban uggure

Maxxanfame

Dhaabbatni Feesbuuk fuulota feesbuukii dhaaba siyaasaa Yugaandaa bulchu 'National Resistance Movement' waliin hidhata qaban cufuu beeksise.

Filannoo Pireezidantummaa Kamisa dhufu Pireezidantiin waggoota 35 biyyattii Yuweerii Museveniin ammas irratti hirmaatan dursee biyyattii keessatti muddamni jabaateera.

Dhaabbati Feesbuuk akkaawuntiiwwan mootummaa Museveenii waliin hidhata qaban kana kan cufeef filannoon dura waltajjii kana gubbaattii walmorkii yaada hawaasaa karaa hin malleen waliin dhahuu jechuuni.

''Ji'a kana, Yugaandaa keessatti akkaawuntii fi fuulota walitti hidhata qabaniifi amala qindaa'aa dhugaa hin taane qabaniin walmorkii yaadaa uummatni biyyattii filannoon dura gaggeessuu danqan haqneerra'' jedhan hoogganaan kominikeeshinii damee biyyoota Sahaaraa gadii Feesbuuki kan ta'an Kezi'aa Aniim-addoo.

Mootummaan Yuweerii Museveenii tarkaanfii miidiyaaleen hawaasaa akka tiwiitariifi Feesbuuk qaamota isaan waliin hojjetan irratti fudhatan balaaleffateera.

Gargaaraan Pireezidant Museveenii waltajjiiwwan miidiyaa hawaasaa lamaan kun masaanuu dhaaba biyya bulchuutii jedhan.

''Akkaawuntiiwwan Kaleessaafi har'a ugguran banuu qabuu'' jechuun maxxansa isaanii Dilbataan gaafataniiru gargaaraan pireezidantichaa Doon Wanyaamaa.

Komishiniin Kominikeeshinii Yugaandaa dirreen dijitaalaa haqa qabeessaa ta'uu mirkaneeffachuu qaba jechuunis dhaaman.

Marsariitiin oduu biyyattii Daily Monitor ammoo ''Humnootni alaa akkaawuntiiwwan oonlaayinii NRM hojiin ala gochuun mootummaa ofiin ajajan hundeessuuf deeggaraafi karoorsaa jiraachuun qaanidha'' jechuu isaanii gabaaseera.

Itti dabaluunis ''Pireezidant Kaguutaa Museveenii aangoorraa kaasuun hin ta'u'' jedhaniiru.

Biloogara dhaaba biyya bulchuu beekamaan Ashibuurg Kaatoo dhaabbilee mormituu balaaleffachuun kaadhimamaan pireezidantii filannoo alaanaa Boobii Waayiniifi gargaartotni isaa uggura kana duuba jiru jechuun komateera.

'Feesbuuk mataan isaa akaawuntii keenya kan haqe gaaffii gargaartotni Bobii Waayin dhiyeessaniini'' jechuun tiwiitara gubbaatti maxxanseera Kaatoon.

Weellisaan beekamaa biyyattii fi morkataan Museveenii Boobii Waayin komii kana irratti deebiin kenne hin jiru. Filannoon waliigalaa Yugaandaa kun Kamisa dhufu gaggeefama.