Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waggaa 40 booda dubartoota Raashiyaaf baabura oofuun hayyamameef
Dubartoonni Raashiyaa magaalaa Moskoo baabura akka hin oofneef uggurri baroota dheeraaf irra kaa'amee kan ture yoo ta'u, amma garuu gara hojiisaaniitti akka deebi'an hayyamameera.
Abbaan Taayitaa magaalattii dubartoonni baabura akka oofan iyyamuun bara haaraa dhufaa jiruun kan walqabatuudha, calaqqee bara haaraati jedheera.
Yeroo ammaa magaalaa Mooskoo keessatti dubartoonni 12 leenji'anii baabura akka oofaniif qacaramaniiru.
Bara haaraa faranjootaa irraa kaasee mirgi baabura konkolaachisuu dubartootaa ni kabajamaafis jedhameera.
Jaarmiyaan geejjiba baaburaa salphaa magaalaa Moskoo, dubartoonni akka baabura hin oofne kan dhorkan waggaa 40 dura ture.
Dubartiin yeroo dhumaaf baabura oofaa turtemmoo bara 2014 ture hojiishee kan gadi dhiiste.
Waggoota kurna afurii ol dura hojiin baabura oofuu hijii dubartoonni akka hin hojjenne dhorkaman keessatti ramadamee ture.
Hojiiwwan dubartoonni akka hin hojjenne dhorkaman kanneen akka konkolaattota gurguddoo tasaabii qabanii oofuu, doonii yabaluu fi baabura oofuun humna waan barbaadaniif dhorkaan kaa'ame jedha mootummaan.
Dubartoonni yeroo ammaa hojii baabura oofuu eegalan kunneen 12 huccuu fedhan uffachuu danda'u, yoo fedhan kofoo fedhan ammoo qoloo gabaabduu uffachuu danda'u jedhameera.
Raashiyaa keessatti dubartoonni hojiiwwan gosa 365 irratti akka hin hirmaanne dhorku hanga yoonaallee jira.
Haalli hojiiwwan kunneenii sa'atii tokko keessatti ulfaatina kiilogiraama 10 kan kaasisu yoo ta'e hojii humnaa waan ta'eef dhiironni qofti akka hojjetantu gorfama.
Quuqamtoonni mirga dubartootaa Raashiyaa waggoota dheeraaf seera kana dura dhaabbachaa turaniiru.
''Ulfaatinni daa'imman waggaa tokko giddugaleessaan kiilogiraama 10 ni ta'a. Kanaafuu akkaataa seera kanaan daa'imman keenyallee baachuu dhorkamuu qabna.'' jedhu.
Dubartoonni kunneen dhiyeenya kana seerri kun akka fooyya'uu fi kaan ammoo akka ka'u mana murtiitti iyyataniiru.
Sababa kanaan hojiin dubartoonni dhorkaman 365 irraa gara 96tti xiqqaateera.
Yeroo ammaa hojiiwwan akka dubartoonni hin hojjenne dhorkaman kanneen keemikaalaa fi wantoota dhuka'an of keessaa qaban qofaadha.
Dubartoonni Raashiyaa bara 1936 irraa kaasanii mirga baabura oofuu qabu turan, mirgi kun bara 1980 irraa sarbame.
Amma garuu mirgi kun deebi'eeraaf, kanneen falmaa turanis milkaa'aniiru, jaarmiyaan geejjiba baaburaa magaalaa Moskoo yeroo ammaa dubartoota 12 kan qacaree jiru yoo ta'u bara itti aanu hedduusaanii qacaruun fedha jedheera.