Abbaan daa’ima beelofte nyaataa saamsame ofiin banattee akka nyaattu itti dhiise falmii kaase

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Abbaan jiraataa Ameerikaa tahe erga intalasaa ganna sagalii beelofte qodaa kotoree ykn boloqqee saamsame bantu malee nyaata hin argattu jedheen booda miidiyaa hawaasaa irratti falmii kaaseera.

Sa’atii jaha booda mucayyoon qodaa kana bannaan akka nyaattu eeyyameefi, akka gocha abbummaa gaaritti of dhaadhessee tiwiitara irratti barreesse. Barreeffama kana booda ni haqe.

Abbaan sagantaa miidiyaa hawaasaa sagaleen qofa darbu qopheessu kun ‘guddisa ijoollee’ irratti kun injifannoodha jedhee ture.

Haa tahu malee maatiin biroo fedhii daa’imaa eeguu dhiisuun isa komatan, kaan immoo sobee xiyyeeffannoo argachuuf seenaa kana uume jedhan.

Fayyadamtoonni Tiwiitarii maqaa masoo ‘abbaa kotoree’ jedhuun isa waaman. Mudannoon kun haala guddisa maatii ogguu wal-dhabde uumurratti falmii jabaa kaaseera.

Abbaan ogummaa muuziqaa qabu, Joon Roodriik, seenaa kana gaafa Sanbataa Tiwiitarii irratti yoo qoodu, mucaansaa beelofnaan kotoree akka isheef tolchuuf gaafachuusheen jalqaba.

Mucaan xaasaa kotoree saamsame fi bantuu fiddee itti kenniti. Abbaanis akkamiin banama jettee yaadda jedhee gaafata.

Isheenis akka hin beekne itti himti. Yoona kana abbaan ‘yeroon kana si barsiisu argadhe,’ jechuun gammada.

Qodaa sanas osoo akka itti banamu itti hin agarsiisiin ofiin banattee akka nyaattu itti hime. Akkatti qodaa kotoree saamsame banamu baruuf sa’atii ja’a yaalte jedha.

‘’Na bira teessee qodicha banuuf gungumaa fi wacaa turte. Dandeettii waan tokko nuuressuu fi tartiiba akkatti waan tokko hojjettu baruun waan uumamaan qabdu ijaan taanef akka ishee rakkisu beeka,’’ jedhe.

Dhumarratti qodicha bantee kotoree sana nyaatte jechuun ibsa.

Dhimmi kunis fayyadamtoota Tiwiitarii barsiisa ijoollee gaarii hin taane jechuun qeeqaniin saffisaan qoodamaa ture.

‘’Gaazexeessaan Jaasoon Ischiiriir jedhamu,’’ ijoolleen addunyaa kanarratti qofaa akka hin taanee fi gargaarsa gaafachuun waan qaanii akka hin taane barsiisuun gatii guddaa qaba,’’ jedhe.

Fayyadamaan Tiwiitarii biraan immoo malli abbaan kun itti barsiisee ‘badaa’ dha mucaasaa nyaachisee, akkatti qodicha banan itti agarsiisuu danda’a ture jedhe.

Namooti muraasni akkaataa Roodriik mucaasaa barsiiseetti waliigalaniiru.

‘’Kuni of danda’uu fi guddina dhuunfaa barsiisa. Waan balleesse tokkoyyuu hin qabu. Inumaayyuu otoon kana dura akkas godheera tahee na jechisiise,’’ jechuun barreesse tokko.

Deeggartoonni sagantaasaa seenaan waa’ee mucaasaa dhugaa hin fakkaatu jedhan jiru.

Roodriik gaaffii miidiyaarraa dhiyaateef deebii kennuu baatus Tiwiitara isaarratti deebii kennuun boodarra ‘account’ isaayyuu haqeera.

‘’Sa’atiin jaha dheerina yeroo dhangaa nyaannu gidduu jiru dha. Laaqana waaree irratti, irbaata immoo waarii sa’aa 12tti sooranna. Kana egaa dhittaa mirga ijoollee jedhu,’’ jechuun barreesse. Qeeqni ka’e nama ‘dinqa’. Mucaan koo nagaasheeti jarana jedheera.

Haa tahu malee dubartiin barsiistuudha jette tokko mala dadhabaa ijoollee ittiin barsiisani dha jechuun qeeqxi.

‘’Ijoolleen waan tokko sirriitti kan baratan yeroo hin beelofen dha. Namni haala addaa ittiin waa baratu qaba. Nama deeggaru qabaachuun yeroo namni tokko baruuf rakktu ni gargaara,’’ jetteetti.