Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Indiyaatti maatiin ashaaraa qubaa hin qabne maal jedhu?
Bara kana keessaa ashaaraan qubaa jireenya guyyaa guyyaa keessatti haala garaa garaatiin waan nu fayyaduudha.
Fakkeenyaaf, buufata xiyyaaraa keessa darbuurraa eegalee, hanga filannoo filachuu fi bilbila ismaartii keenya ittiin banachuutti ashaaraan qubaa murteessaadha.
Haata'u namoonni sababii adda adaatiin ashaaraa qubaa kana malee dhalatan jiru.
Appuu Saarkar mana isaa kan Baangilaadeesh jirurraa viidiyoon wayita waliif bilbilletti barruu harkasaa yoo natti agarsiisu, jalqabarra waan addaa hin agarreen ture.
Takka turee qalbiin yoon ilaalu garuu, qubni isaa hundi sarara tokkollee akka hin qabneen arge.
Appuun dargaggeessa ganna 22 maatiisaa waliin naannoo Kaaba Raajshaashii jiraatudha. Hanga yeroo dhiyoottis gargaaraa meedikaalaa ta’uun hojjachaa ture. Abbaa fi akaakayyuunsaa qonnaan bultoota turan.
Dhiironni maatii Appuu keessa jiran jijjiirama qaccee sanyii addunyaa irratti maatii muraasa qofa huba jedhamee yaadamu qabu. Ashaaraa qubaa tokkollee hin qabani.
''Dur dur wayita akaakayyuunsaa dargaggoo turanitti ashaaraan hagas barbaachisaa hin turre. Takkaa akka rakkootti ilaalee beeka jedhe hin yaadu," jedha Appuun waa’ee Akaakayyuusaa yoo dubbatu.
Waggoota kurnan muraasa darbanitti garuu, sararoonni quboota keenyarra jiran odeeffannoo namootarraa sassaabaman keessaa isa guddaa ta’aniiru.
2008 wayita Appuun daa’ima turetti, Baangilaadeesh waraqaa eenyummaa biyyaalessaa ga’eessota hundaaf qopheessuu eegalte.
Kuusaan odeeffannoos ashaaraa quba abbudduu barbaada ture.
'Muuxannoo yeroo hunda naqaanessudha'
Hojjattoonni abbaa Appuu, Amaal Saarkariif akka itti waraqaa sana kennan wallaalanii ture. Dhumarrattis waraqaa eenyummaa barreeffama ‘‘ASHAARAA QUBAA HIN QABU’’ jedhu ofirraa qabutu kennameefi.
2010’tti ammoo ashaaraan qubaa paaspoortii argachuuf dirqama yoo ta’u, Appuun yaalii hedduun booda boordii meedikaalaa irraa waraqaa barreessifatee milkaa'ee ture.
Garuu takkaa itti fayyadamee hin beeku, buufata xiyyaaraatti rakkoon na mudachuu mala jedhee waan sodaatuuf.
Bishkiliitii motoraa fayyadamuun hojii qonnaa maatiisaaf barbaachisaa ta’us, hayyama konkolaachisuu hin arganne.
"Kaffaltii kaffalee qormaata darbus, sababan ashaaraa dhiyeessuu hin dandeenyeef naaf kennuu didan," jedhe.
Amaal abbaan Appuu nagahee kaffaltii itti raawwate qabatee asiif achi deemus, omaa hin fayyaduuni. Yeroo lama adabamee jira. Haala isaa poolisoota isa dhaabsisanitti ibsatus gurra itti hin kennine.
"Kuni muuxannoo yeroo hunda naqaanessudha," jedha Amaal.
2016’tti mootummaan warraa siimkaardii mobaayilaa bitachuu fedhuuf ashaaraan qubaa kuusaa odeeffannoo biyyaalessaa keessa galuu akka qabu murteesse.
"Yeroon siimii bitachuuf deemu waan godhan waan wallaalan fakkaatu, dubbiftuun sooftiweerii isaanii yeroon qubakoo irra kaa’u hojjachuu dhaaba," jedhe Appuun seeqaa.
Jarris itti gurguruu didani. Siim kaardii bitachuu kan hin dandeenye dhiironni maatii kanaa hundi, kan maqaa haadhasaatiin ba’etti fayyadamu.
Haalli maatii Saarkar akkas godhe kun ‘Adermatoglyphia’ jedhamuun beekama.
Jalqaba kan beekame 2007’tti ogeessa fayyaa gogaa Siwiis kan ta’e Piitar Itiin nama jedhamutti dhimmi akkasii wayita itti dhiyaateefitti ture.
Dubartii umuriinshee digdamoota keessa ta’e US seenuu yeroo rakkattetti.
Fuullishee suuraa waliin wal-fakkaatus ashaaraan yoo ilaalamu argamuu dhabe. Warri gumuruukaas waan godhan wallaalani.
Piroofeesar Itiin qorannoo taasisaniin ishee fi miseensonni maatiishee saddeet biroon haala adda ta’e kana qabaachuu hubatani.
Quboota sarara malee uumamanii fi harka maashaalee dafqa baasan muraasa qabu arguu danda’ani.
Ogeessa fayyaa gogaa kan biraa Eelii Ispireechar fi barattuu Jaanaa Nuuzbeek jedhaman waliin qorannoo namoota 16 maatii sana keessaa taasisaniin namni 7 ashaaraa yoo qabaatu, sagal omaa hin qabani.
Akkuma argameenis ‘Adermatoglyphia’ jedhamee yoo moogga’uuf, Piroofeesar Itiin garuu ‘‘dhibee imala danqu’’ jedhanii waamaniini, maamilasaa jalqabaa US seenuuf rakkatte yaaduun, maqaan sunis nibarame.
Dhibeen kun dhaloota hedduu maatii tokko keessatti hubuu danda’a.
Eessumni Appuu Saarkar Gooppeesh jedhamu maagaalaa guddoo Daakaa irraa km350 fagaatee kan jiraatu yoo ta’u, paaspoortii baafachuuf wagga lama itti fudhate.
‘‘Daakaatti yoo xiqqaate yeroo afur deddeebi’ee dhibee kana akkan qabu jara amansiisuutu narra ture’’ jedha.
Waajjirrisaa wayita hojimaata to’annoo hojiirratti argamuu ashaaraan deeggaramu fayyadamuu eegaletti, Gooppeesh hoggantoonnisaa akkuma durii guyyaa guyyaan waraqaa irratti akka mallatteessuuf akka hayyamaniif gaafachuun dirqamasaa ture.
Ogeessi fayyaa gogaa Baangilaadeeshtti warra kana qorate akka jedhutti, maatiin kun dhibee sadarkaa 2ffaarra ga’eefi dafqa dhorkuun gogiinsa gogaa fidu qabaachuu hin oolan kan jechisiisedha. Mallattoolee kanammoo maatiin Saarkar himaniiru.
Maatiin kun ‘Adermatoglyphia’ gosa biraa qabaachuu isaanii mirkaneessuuf qorannoon biraa ni barbaachisa.
Maatii kana qaccee isaanii qorachuun gargaaruuf gareen isaanii hayyamamaa akka ta’e Piroofeesar Ispireechar himaniiru.
Maatii Saarkarsi dararaa keessa jiraniif garuu, hawaasni furmaata barbaadee ofitti hammachuurra, isaaniin qollifachuutu itti waan sulphate fakkaata.
Amaal jireenyasaa hedduu rakkoo malee jiraatus, ijoolleessaaf akka gaddu dubbata.
"Waan harkakoo keessa jiru miti, waanan dhaaledha. Garuu aniifi ijoolleenkoo rakkoon nuti argaa jirru qalbii keenya kan cabsudha." Jedha Amaal.
Amaaliifi Appuun dhiyeenya kana waraqaa raga fayyaa erga dhiyeessanii booda mootummaan Baangilaadeesh waraqaa eenyummaa biyyaalessaa kenneefii jira.
Kaardichi odeeffannoo ijaafi fuula adda baasu of keessaa qaba.
Haata’u malee ammas siim kaardiis ta’e hayyama konkolaachisaa baasuu hin danda’ani. Kan paaspoortiimmoo adeemsa gaafuma yaadan kan isaan dadhabsiisudha.
"Haala kiyya irra deddeebi’ee ibsuu nuffeen jira. Namoota garagaraa gorsa gaafadhus kan waan qabatamaa natti hime hin jiru, namni ta’emmoo mana murtii akkan deemu natti hime, hunduu milkaa’uu baannaan achi dhaquunkoo hin oolu," jedha Appuun.
Baangilaadeeshiin ala imaluu kan fedhu Appuun, paaspoortii akka argatu hawwa. Dhiyeenyattis iyyata galchuu akka eegalu hima.