Waldaa Araaraa Naqamteetti Jimaata halkan maaltu mudate?

Maxxanfame

Jimaata halkan Sambatatti bari'u namoota Waldaa Araaraa Naqamteetti waaqeeffannaaf ol seenuuf hiiriira galanii turan irraa miidhaan qaqqabuu jiraattonni fi ogeeyyiin fayyaa BBC'tti himan.

Taatee kanaan yoo xiqqaate namootni saddeet yoo miidhaman, shamarreen tokkoo lubbuu dhabdeetti.

Maaltu ta'e?

Jiraataan Magaalaa Naqamtee maqaan akka hin eeramneef gaafatan, Waldaan Araaraa sagantaa kadhannaa nama hunda hirmaachisu taasisuuf waamicha taasifte akka turte himu.

''Namootni immoo garmalee baay'atanii yaa'anii waan turaniif, yeroonsaas halkan waan tureef, wal dursanii ol seenuurratti xiqqo wacni uumamee ture fakkaata'' jedhu.

Jiraataan kun yaada barreeffamaan nuuf qoodaniin ''akka obbooleessi kiyyaa saganticha irratti hirmaachuf achi ture natti himetti, poolisoonni idilees dhimma sana tasgabbeessuuf jecha qawwee ol qabanii dhukaasanii turani,'' jedhan.

Namoonni baay'achuurra kan ka'e hiiriira irratti namoonni wal dhiibuu keessa walirra ejjetanii wal miidhaniiru jechuun obbooleessi isaanii itti himu dubbatu.

''Gurbaan obboleessikoo sodaatee gara manaa gale. Eega lafti bari'ee garuu waan hundumtuu tasgabbaa'eera'' jechuun BBCtti kan himan.

Taateen kun erga mudatee booda humnoonni nageenyaa mootummaa uummata Waaqeffannaaf bahe irratti dhukaasa banuun namoota miidhan gabaasaaleen jedhan marsaalee hawaasaa irratti bal'inaan qoodamaa turan.

Namoota sagantaa waldaa kanaa irratti hirmaachuuf Finfinneerraa gara Naqamte deeman keessa tokko kan ta'an, Addee Asteer Balaachoo, Sambatatti sagantaan kadhaanna waldittiin labsamuu fi baay'iinni ummata hirmaachuuf garas imalee kan waldaan qabatuun ol akka ta'e BBCtti himan.

Kanaan kan ka'ees Jimaata halkan irraa kaasanii hanga Sambata waaree booda yeroo BBCn isaan dubbiseetti hiriira galanii dabaree eeggataa akka jiran himan.

Taateen Jimaata halkan mudates baay'inuma ummataa kanarraa kan madde ta'u dubbatu.

Hospitaala Ispeshaalaayizdii Naqamteetti oggeessii baqaqsanii yaaluu Dr Mirreessaa Bantii akka jedhaniitti, namoonni miidhaan qaamaa irra gahee gara hospitaalichaa dhaqan saddeeti yoo ta'an, shammarreen tokko ammoo duutee jirti.

Oggeessi kun BBCtti akka himaniitti, namoota gara hospitaalichaa geeffaman saddeet keessaa namoota lamaaf wal'aansi baqaqsanii yaaluu taasifameera.

''Shammarreen lubbuun ishee darbee garuu erguma qaamni ishee qabbanaa'een booda kan gara hospitaalchaa fidhaniidha'' jechuun BBCtti himaniiru.

''Namoota wal'aanne irraa akkan odeeffadheetti namoonni wal dhiibuun erga dhagaarratti kufanii booda kaan walirra ejjechuun akka hubaman natti himan. Kaan ammoo sababni isaa kana jedhanii sirriitti kan beekan hin fakkaatu'' jedhu Dr Mirreessaan.

Namonni miidhaan qaamaa irra gahe kunneenis halkan gara sa'aatii 10 irraa kaasee gara hospitaalichaatti geeffamuu fi kanneen dhaqaniif wal'aansi miidhaa isaan mudateen wal madaalu taasifamaafi jiraachu oggeessi kun BBCtti himaniiru.

Hogganaan poolisii magaalaa Naqamtee komaandar Tafarii Taaddasaa gama isaanitiin, odeeffannoo namoonni Waaqeeffanaa waldichaa irratti hirmaachuuf hiriira irratti wal kuffisuun miidhaan dhaqabeera jedhuu akka qaban BBCtti himan.

Poolisoonni haala tasgabbeessuuf achitti argamanii akka turani fi haala mudatee qulqulleeffachuuf hojjatamaa akka jiranis himan.

Odeeffannoo humnoota nageenyaatu miidhaa namootarraan qaqqabsiisee jedhamee bal'inaan qoodamaa jiruuf deebii wayita kennan, ''haala mudate namoota achi turanii fi hoggantoota waldichaa irraa qulqulleeffachu ni dandeessu" jedhu.

"Miseensi poolisii miidhaa namoota hiiriiranii turan kanneen irra qaqqabsiisee gonkumaa hin jiru'' jedhan komaandar Tafariin.

BBCn dhimma kanarratti bakka bu'oota waldittii dubbisuuf yaaliin taasise hin milkaa'iin hafeera.