Firaans baqattoota to’annoo Covid-19 adda durumman hojjataniif lammummaa kennite

Madda suuraa, Getty Images
Firaans baqattoota dhibban lakka’aman adda durummaan to’annoo koronaavaayirasiirratti hojjataniif biyyattiin tajaajiluusaaniif beekamtii kennuun, lammummaa Firaans akka argatan eeyyamteef.
Ministeerri dhimma biyya keessaa Firaans jiraattoota biyyattii keessa turanii tattaaffii biyyattiin vaayirasicha to’achuuf taasifte deeggaran akka lammummaa argachuu akka iyyata galfatan waamicha dhiyeessan.
Namoonni 700 amma adeemsa lammummaa argachuu sadarkaa xumuraa irra jiru.
Baqattoonni haala kanaan lammummaa argatan immoo ogeeyyii fayyaa, qulqullessitoota fi kanneen suuqii(dukkana) keessa hojjatan ni dabalata.
Namoonnii adda durummaan to’annoo vaayirasichaarratti hojjatan hedduun addunyaarratti Covid-19’n qabamanii du’an keessatti hakimoonni fi narsoonni ni argamu.
Firaans biyyoota weerarri vaayirasichaa hedduu miidhe10 keessa tokko yoo taatu, namoonni miliyoona 2.5 vaayirasichaan qabaman keessaa 62,000 kan dhiyaatan du’aniiru.
Lammummaa saffisaan kennuun kun Fulbaana keessa kan eegalame yoo ta’u, namoonni torbaatamii afur dursanii paaspoortii Firaans argachuun, namoonni 693 immoo argachuuf sadarkaa xumuraa irra qaqqabaniiru.
Amma yoonatti namoonni 2,890 lammummaa Firaans argachuuf gaafataniiru.
Yeroo biraa namni lammummaa biyyattii argachuuf gaafatu kamuu ganna shaniif biyyatti keessaa kan jiraate(tte), galiin qabu fi hawaasa biyyattiitti dabalamee jiraachu danda’u ta’u qaba ture.
Haa ta’u malee, mootummaan hojjattoota biyyattii keessa waggaa jiraatanii, dura bu’uummaan ‘talaajila guddaa kana kennan’ jedhetu lammummaa kana argataa.
Bara 2017 baqattootni Firaansi keessa jiraatan miliyoona 6.7 Kan guutan yoo ta’u, hedduun isaanii biyyoota kolonii Firaansi jala turan Kaaba fi Dhiha Afrikaarra biyyatti seenan.
Haata’u malee, adeemsi namoota kanaaf lammummaa kennuu harkifataadha. Bara 2018 fi 2019 hammii namoota lammummaan argataniillee % 10 hiratee ture.














