Covid19: Gareen hojjattoota balalii Chaayinaa daayiparii akka kaawwatan gaafataman

Maxxanfame

Qaamni aviyeeshinnii Chaayinaa to'atu balaa Covid-19 gama mana fincaanitiin dhufu hambiisuuf hojjattoonni garee balaliinsaa daayiparii fincaanii akka kaawwataniif yaada dhiyeesse.

Gorsi daayiparii irratti kennamee kunis qaama qajeelfama haaraa meeshaalee ittisa dhuunfaa daandiiwwan qilleensaati.

Qaamni to'ataan kunis yaanni kuni balaliinsa xiyyaara chaartarii bakkeewwan balaan Covid-19 olaanaan jiruutti hojiirra akka olfamuu himeera.

Sadarkaadhuma addunyaattu daandiiwwan qilleensaafi buufataalee xiyyaaraa imaltoonni akka gara balaliinsaatti deebii'an gochuuf haala hojimaata isaanii irratti jijjirama olaanaa taasisaa jiru.

Bulchiinsi Siivil Aviyeeshinii Chaayinaa daandiiwwan qilleensaa akka tatamsa'ina koronaavaayirasii ittisaniif qajeelfama fuula 49 keessatti gorsawwan akka hojiirra oolan gaafate tarreesseera.

Yaadni daayiparii fincaaniitti fayyadamu kunis balaliiwwan chaartarii bakka namoota miliyoona keessaa namni 500 ol vaayirasichaa itti qabameettiifi achiirraa taasifamutti hojiirra olfama.

Gorsi gareen balaliinsaa maaskii, gilaavii harkaa, barneexaa, manaxxirii, uffata ittisaa gatamuufi haguuggii kophee akka kaawwatan jedhus kan dursaan kaa'amee keessaayi.

Industiriin aviyeeshinii addunyaa dhiibbaa weerarichi imala irraan gahee irraa bayyanachuuf yaalii taasisaa jira.

Tarkaanfiiwwan haaraan balaliinsaaf kaa'amanis haaluma biyyaatti gargari. Muraasni isaanii yoo xinnaate daandiiwwan qilleensaa teessuma tokko imaltoota jidduutti duwwaa akka dhiisan gaafatamu.

Kaan ammoo tibba balaliinsaatti maaskii kaawwachu dirqama taasisaniiru.