Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Lammiin Keeniyaa 'du'ee ka'ee' ture amma dhugaatti du'e
Lammiin Keeniyaa torban darbee keessaa du'eera jedhamuun bakka reeffii kaa'amuu keessaa 'gara lubbuutti deeebii'unsaa' himamee ture amma dhuguma du'uusaa midiyaalee biyya keessaa gabaasan.
Hojjattoonni mana reeffaa keessa hojjatan akka himaniitti torban darbe wayita namtichi lafa du'ee ka'ee iyyeetti isaan ''reeffa'' qopheessaa turan.
Dargaggoon umurii 32 Piitar Kiijan dhukkuba yeroo dheeraa dhukkubsataa waan tureef wallaansaafi garas geeffamee booda hospitaalaa bahee ture.
Inni taatee sanaan booda gaazeexaa Keeniyaa 'Daily Nation' jedhamuutti akka himeetti, lubbuun jiraachuutti gammadaa ta'u ibsee ture. ''Kunis hojii Waaqaati'' jedhees ture.
Oduun lubbuutti deebii'u dargaggoo kanaa biyyattii keessatti midiyaalee hawaasaarratti baay'ee kan qoodamee ture yoo ta'u, dhimmichi garuu bakka bu'aa filatamaa Gumii Kaawuntii Kerichootiin gaaffii kaasee ture.
Isaaniis dhimmi sun attamiin akka mudate akka qoratamuuf garee hundeessanii ture. Gabaasichi booda hojjattoota fayyaa komii irraa bilisa taasise.
Dubbii himaan maatiin nama kanaas dutii isaa mirkanaa'uu guyyaa Kamisaa gaazexaa Standard jedhamuutti himaniiru.
''Kigeen erga Hospitaala Kaawuntii Kerichii kan inni walaansa dabalataatiif Kaapkaateet irraa itti dabarfame qaqqabeen booda du'uunsaa mirkanaa'eera,'' jedhan Hezboon Tonuu.