Singaappor foon ‘hindaaqqoo’ laaboraatorii keessa tolfame soorataaf eeyyamte

Madda suuraa, Eat Just
Singaappor foon bineeldotarraa hin argamneefi laaboraatorii keessa tolfame ummanni akka itti fayyadamu eeyyamte. Kunis, biyyattii biyya jalqabaa taasisa.
Murteen kuni dhaabbata buufata isaa Saan Firaansiskoo godhatee, 'Eat Just', jedhame foon hindaaqqoo laaboraatorii keessa tolfame akka gurguru dandeessisa.
Haa ta'u malee, yoom akka dhiheessu hin ibsine.
Sababa fayyaa, eegumsa bineldotaafi eegumsa naannoon namoonni dhiheessii foon malee filmaata biraa akka fedhan taasiseera.
Akka Baarkileeyisitti, kunis waggoota 10 dhufan keessatti dolaara biiliyoona 140 gahuu mala yookiin indastirii foonii tiriliyoona 1.4 keessaa 10% gahuu mala.
Booda kana foon biqiltuurraa tolfame suparmaarkeetii Beyond Meat fi Impossible Foods jedhamanitti gurguramuu eegalameera.
Oomishi dhaabbata Eat Just garuu biqilturraa kan tolfame osoo hin taane, seelii maashaa bineeldotarraa laaboraatoriitti kan tolfamedha.
Kanas dhaabbatichi ''indastirii foonii idil-addunyaaf jalqabbii guddaadha,'' jechuun ibse. Biyyoonni kaanis akka isa hordofan abdii akka qabu ibse dhaabbatichi.
Akka isaatu adda malee, kana durallee foon laaboraatorii keessa tolfame gurguramaa ture.
Foon warshaa Singaappor Shiwoki jedhamutti eegale eegumsa naannoof gaarii ta'us, saayintistoonni muraasnimmoo inumaa jijjiirama qilleensaaf hamaadha jedhanis jiru.

Rakkoo qunnamuu malan
Gaazexeessituun BBC Maarikoo Oyi Singaapporirraa yoo ibsitu: biqilturraa foon tolchurra kan laaboraatorii keessa tolfamuutu gatiin mi'aawa.
Rakkoon kaampaanicha mudatu biraa ilaalcha namoota nyaata sana fayyadamanidha.
Singaappor eeyyamun ishee garuu dorgomtoota kaan harkisuu mala, akka biyyoonni kaanillee eeyyaman gochuu mala jechuun ibsiti.
Eejansiin Nyaataa Singaappor (SFA) ogeeyyiin isaa erga qoratanii booda nyaataaf ooluu danda'a jedhee eeyyamuu himeera.
















