Hogganaa milishaa RD Kongoo yakka farra namoomaan yakkame hidhaa umrii guutuu itti muran

Madda suuraa, Getty Images
Hogganaan duraanii milishaa Rippablika Dimookiraatawaa Kongoo yakka dhala namaarratti raawwachu hin malleen himataman, hidhaan umrii guutuu irratti darbe.
Himannaan kuni gudeeddii baay'ee erga takkaa raawwates dabalata.
Manni murtii waraanaa Nitaabo Nitabeeriitin ajjeechaa, gudeeddii, garbummaa saal-qunnamtii fi daa'imman umrii 15 gadii hiriirsuun yakkamaa godheera.
Murteen kuni erga manni murtii dhimmicha waggaa lamaaf ilaaleefi miidhamtoonni 178 akka ragaatti dhihaatan booda murtaa'e.
''Murteen kuni kanneen waldhabdee Rippablika Dimookiraatawaa Kongoo keessa miidhamaniif madda abdiiti. Miidhamni isaanii dhagahameera, beekamtillee argate,'' jedhan biyyattiitti hogganaa nagaa kabachiisaa UN kan ta'an 'Leila Zerrougui'.
Nitaaberiin, Sheekaa jedhamullee beekama. Nitaaberiin milishaa Nidumaa Ittisaa Kongoo (NDC) jedhamuufi bulchiinsa Kaaba Kiivu hogguu nagaa hin qabne keessa socho'an hogganan keessaa tokkodha.
Garri Baha Rippabliki Dimookiraatawaa Kongoo yeroo dheeraaf wadhibdeen jeeqamaa ture. Kunis, qoqqoodinsa siyaasaafi albuudni waan bal'inaan argamuufi.
Bara 1998 - 2003 Koongoo keessa wal waraansi waliinii ture. Ergasii booda garuu milishoonni gar tokko loluu itti fufani. Kanaanis, ergamni nagaa kabachiisaa UN nagaa kabachiisuuf rakkate.
Qondaaltonni jalqaba bara 2011 ture Nitaaberii hidhuuf ajaja hidhaa kan baasan. Kunis, erga giddugala bara 2010 keessa qe'ee baadiyyaa keessa milishoonni haleellaa raawwachuun erga himatanii boodadha.
Yeroo haleellaa raawwatan kanatti miseensonni milishaa NDC ta'aniifi gareewwan milishaa lama biroo dubartoota 400 gudeeduufi namoota 300 ol ajjeesun himatamani.
Nitaabeerin erga waggaa jahaaf baqataa turee boode bara 2017 nagaa kabachiistota UN'f harka kennate.
Qondaalota waraanaa sadii waliinis himatame.

Madda suuraa, Getty Images
Kanneen isa waliin himataman keessaa toko komaandara milishaa garee biraarraadha. Innis akkuma Nitaaberi yakka Kaaba Kivuutti dhalateef hidhaan umrii guutuu irratti murame.
Murteen kuni dhaddacha magaalaa Gomaatti taa'amen gaafa Wiixataa murtaa'e.
''Murtee kanaan gammanneerra. Qondaaltota waraanaa kaaniif ergaa cimaa dabarsa,'' jechuun dubbii himtuun miidhamtoota bakka buute Kaahindo Faaxumaa AFP'tti dubbatte.
''Miidhamtoonni amma xiqqoo boqonnaa argatu.''
Murteen Nitaaberiirratti darbe 'kanneen haqa miliqan qabsaa'uurratti adeemsa jajjabessaadha,' kan jedhanimmoo biyattiitti qorataa Humaan Raayitis Waach kan ta'an Tomaas Feesidha.
Ammallee garuu milishoonni hedduu Baha Rippablika Dimookiraatawaa Koongo keessa socho'u.












